'Nyaati warra Hindii jibbisiisaadha' jechuun maxxansii Twiiterarratti bahe falmii sanyummaa kaaseera

Piroofeesarii Ameerikaa ''nyaati warra Hindii jibbisiisaadha.'' jechuun erga fuula tiwiitarii isaa irratti maxxanseen booda dhimma aadaa wal-danda'uufi sanyummaa irratti falmiin ka'eera.

''Nyaati warra Hindii jibbisiisaadha, nuti garuu akka waan akkasii hin taanetti fakkeessina,'' jechuun barreesse Piroofessar Toom Nikoolaas barsiisaan Hariirii Idila Addunyaa.

Kanneen isa ceepha'an immoo kuni dimshaashessuu dha jechuun yaada kennaniiru.

Dubbiin kuni babal'achuun isa godaantonni US sababii aadaa nyaata isaaniin loogiin sanyummaa irra gahuu akka haasa'amu taasiseera. .

Piroofeesar Nikoolaas -Koolleejii Loltummaa Galaanarraa, barsiisu- yaada isaanii kan barreessan erga fayyadamaan Twitter tokko nyaata irratti yaada falmisiisaa gaafateen booda dha

Sheefii beekamaan Paadmaa Laakshmii jedhamu ''miira dhandhamaa hin qabduu?' jechuun deebii kenneeraafii.

'' Yaadi! Jireenya dhamaafi urgaa hin qabnee keeessa jirta'' jechuun yaada kenneera

Abbaa alangaa duraanii Niiw Yoork kan tahe Piriit Bahaaraara immoo: '' iddoo tokkon si dhaqadha biyya kana walitti fiduu qabna, #walgahiidhadhaafilukkuu jechuun barreesseera.

Warrii kaan immoo Nikoolaas nyaata Hindii heddumina qabu keessaa harka 1 kan tahuyyuu nyaatee hin beeku jedhan, innis boodarra mana nyaataa Ameerikaafi UK keessa jiran qofa nyaatee akka beeku dubbate.

Haasaa miidiyaa hawaasummaa Twitter irratti jalqabe babal'ateera. Ameerikaatti nyaati godaantotaa 'nyaata rakasa' waan jedhamuuf namooti baayyee nyaata daandii warrra Ameerikaa irra gurguramuufi kan dhangaalee nyaataa faayidaa qabeessa tahan of keessaa hin qabne nyaatu.

Tokko immoo, ''waan nyaata Hindii jedhamu hin jiru'' jechuun maxxansiteetti.

''Urgaan mimmixaa 'curry' jedhamuufi shayee 'chaayi' jedhamu hin jiru'' jette sababiinsaa immoo 'chaay' jechuun jecha Ingliffaa shayiiti ''curry'' inni jedhanis haalatti nyaata qopheessani dha malee urgaa nyaataa miti jettee jirti.

Kaan immoo dhimmi foolii godaantota sanyummaan yeroo qeeqaman kan wal-qabatee yeroo baayyee ka'u dha jechuun Nikoolaasiidhaan ilaalcha wal-danda'uu qabaachuu dhabuun komataniiru.

Sababii haasaa kun Twitter irratti namoota hawwateef hashtagiin #MyFavoriteIndianFood tamsa'uu jalqabeera.

Kaadhimamtuun pireezidaantummaa Kamaalaa Haariis karaa haadhasheen Kibba Hindii irra kan dhufte yoo tahu viidiyoo akkatti nyaata Hindii bilcheessan qoosaa waliin gadhiisteetti.

Gaazexeessaan ABC Teerii Moraan jedhamus ''nyaati warrra Chaayinaa, dadhabsiisaa, kan ashaboon itti baay'ateefi kan dafee irraanfatamu dha'' jechuusaan yaadi wal-fakkaataa irratti ka'eera.

''Safuu gooftaaf kunoo namni adii biraan wallaalummaa inni nyaata addaa addaa Chaayinaan qabduuf qabu nutti labsaa jira jedheera.''

Jaalattoonni nyaata Eeshiyaa Mooraaniin itti marsanii nyaata roga qabufi seeraan qixaa'ee lafa baay'ina uummataan tokkoffaa taateerraa sooratee hin beeku jedhaniin.