Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nyaatawwan hawaasni Muslimaa sooma Ramadaanaa ittiin hiiku
Hawaasni Muslimaa addunyaa gutuutti sooma Ramadaanaa baatii tokkoof somamaa ture kabaja Iid al- Faxiriin amma xumura. Yeroon kunis yeroo itti gammadamuu fi nyaanni gara garaa qopheeffamuun, keennaanis itti raawwatamuudha. Nyaatiwwan asiin gadiitti argamanis gosoota nyaataa guyyaa kabaja kanaatti addunyaa guttutti qophaa'an keessaa muraasa mulisu.
Eshiyaa Kibbaa- Sheer Khurmaa
Sheer Khurmaa ykn 'Sewaiyan' nyaata mi'aawaa waan 'vermicelli' ykn indomii ruuziirraa hojjatamuun annanii affeelamee hojjatamuun dhiyaatudha.
Kunis nyaata addaa biyyoota Hindii, Baangilaadish fi naannoollee ollaatti, yeroo hunda qophii Eid al -Fatir itti dhiyaatudha.
Jalqabasi indoonii ruuzii annan qalifameen anfeelamuun akka qabanaa'u erga taasifameen booda fuduraa gogaa fi qimanii akka hirdii waliin dhiyaata.
Maantii warra Raashiiyaa
Maanti gosa nyaataa foon olaa ykn loonii daakame irraa hojatamu maramee dhadhaa ykn kireemii waliin dhiyaatuudha.
Innis naannoorraa gara naannootti garaa gara yoo ta'u, isilaamtoota biyya Raashiyaa kan baayyina ummata biyyaa keessa harka 15 ta'an biratti ayyaana Eid al Fatir ittiin kabajuuf qopheefama.
Saanzii: Chaayinaa
Nyaata aadaa , Saanzii ykn kukisii goggaa bilchaate biyya Chaayinaatti islaamtoota miliyoona 23 ta'an biratti baayyee beekamaadha. Nyaanni kunis daakuu qamadii irraa tolfamuun bifa adda addaaatiin kan qophaa'uun dhiyaatudha.
Kukisiin akka cireetti dhiyaatu kunis biyya Chaayinaa mandara Xinji'aang gutuutti kan baramee yoo ta'u, jiddugala gabaa Isilaamaa U'ighuur keessatti argamu dadna'a.
Kukiisii dhadhaa: Jiddugala Bahaatti
Gosti nyaata kukiisii daaboo xixiqqoo fakkeefamuun hajatamu kunis murmuramuun erga sukaarri itti makameen booda bilcheefamee dhiyaata.
Kukiisiiwwan dhadhaa kunneenis yeroo hunda tibba Ramadaanaa fi ayyaana Eid al faritti biyyoota jiddu gala Bahaa gutuu keessatti baayyee barbaadamaadha.
Biyyoota arabaa keessatti naqaa garaa garaa kan qabu yoo ta'u, isaan keessaayis biyya Siriyaatti Mamoul, biyyoota Iraaqii fi Masiriitti Klaicha jedhamuun beekama.
Ketupat: Biyya Indonesiyaa
Kukiisootaa fi waan xixiqqoo cireef ta'u maddiitti, nyaata Ketupat jedhamuun Eid al Fatir kabajuun aadaa waggaa waggaa ta'uudha biyya Indonesiyaatti. Ketupa nyaata akka keekiitti ruuzii irraa hojatamuun baalaan maramee hojatamuudha.
Akka aadaatti, nyaanni kunis nyaatawwan biraa kan akka foon lukkuu bilcheefamee fi nyaata dinnichaa fi foon zayitaa fi qaaraa waliin qophaa'ee waliin dhiyaata.
Biriyaani: Yunaayitid Kingidamitti
UK keesstti nyaanni akka Biriyaan guyyaa kabaja akka Eid al Fatiritti maaddii irraa hindhabamu. Nyaanni kunis kan qimamii hedduu fi ruzii bifa garaa garaa fi foon ykn ashaakiltiiwwan irraa hojatamuudha. Yeroo baayyees itiittuu, killee fi baala shorbaa fa'i waliin dhiyaata. I
Ummata UK keessaa harka shanii ol kan ta'u nyaata Eshiyaa Kibbaa jaalatu. Seenaan warra koloneessitootaa ammalleen biyya Biriteen keessatti jiraataadha.
Nyaanni Kaambaabur jedhamuufi daabboo haphiin biyya Somaaliyaatti baayyee kan beekamu yoo ta'u, qixxaa haphii fakkaata. Innis osoo hinqabannaa'iin caalaa kan namatti tolu yoo ta'u, guyyaatti yeroo kamiyyuu nyaatamu danda'ama.
Nyaanni warra Somaalee kunis Buddeena Itoophiyaatiin walfakkaata.
Buddeen Itoophiyaa garuu nyaata mana nama hundaatti argamuufi guyyaa kabaja ayyaanaatti garuu itti nyaata ykn waxii gosa baayyee kan akka waxii indaaqqoo, foon, baaduu fi waxii ashaakiltii irra hojatanam waliin dhiyaata.