Gatii qullubbii Hindii: Maaliif daballi gatii siyaasa ta'e?

Waa'een dabaluu gatii qullubbii biyya Hindiitti torban darbaniif mata duree ijoo ta'aa jira.

Gabaasaan BBC maaltu akka oomisha kana siyaasa taasise ilaalchisuun akkasiin qindeesseera dubbifadhaa.

Qullubbii nyaata Hindii keessa hindabamnees akka omisha iyyeessaatti ilaalama ture.

Haa ta'u malee, daballuun gatii qulluubbu garmalee hattuu kakaasuu, jireenya namootaa balleessuuf aangoo qabateera. Sababiidhuma kanaanis aanga'oonni siyaasaa cimoo muraasni hojii dhaabaniiru.

haala kanaan walqabatee, waa'ee dabaluu gatii qullubbii kun aanga'oota siyaasaa biyyattiif dhimma yaachisaa ta'unsaa waan addaa hinta'u.

Ofoo qullubbii Hindiitiin wal qabate maaltu ta'aa jira?

gabaabudhumatti gatiinsaa garmalee dabale.

gatiin qullubbii baatii Hagayyaarraa kaasee garamalee dabalaa jira. Yeroo sanattis gatiin kiloo tokkoo ruuppii 25 ture. Jalqaba baatii Onkolooleessaati ammoo gatiin suna gara ruppii 80tti ol ka'e.

Paartiin Jaanaataa Bhaaraatiyaa (BJP) kan motummaan ogganamuus gatii biyya keessaaa gadi buusuuf qullubbiin alaa akka hingallee dhorkeera.

Guyaa akamisaa qullubbiin kiloo tokkoo ruuppii 30 gadiitti gurgurameera gabaa gurgurtaa jumlaa qullubbii guddaa kan ta'ee Laasaalgaaon keessatti.

haa ta'u malee namooti hndi kanaan gammado miti.

Yoo gatii garmalee dabalu fayyadamtoonni keessattu kanneen dinadgee gadaanaarratti argaman baayyee miidhamu. Yoo gatiin gadi mu'u ammoo daldaltoonni omisha alaa ga;lchaniifi qonnaan bultoonni Maahaaraashtraa bakka torban dhufaa keessatti filannooon itti gaggeefamuuf jiru keessatti mirmiif bahaniiru.

kan qofaas osoo hintaane, omishicha allaa galchuu dhorkamun mataansaa walitti dhufeenya Hindiifi biyya ollaa Baangilaadish biyya omisha ahaakiltii hedduminaan ergitu keessaa tokko taate jidduu jiruu miidheera.

Garuu qullubbiin maaliif hangas dhimma ta'e?

Qullubbiin warra iyyeessaatiif nyaata yeroo hundaa yoo ta'u, Hindoota humdaafu nyaata keessaa dhabamuu hindanda'u.

"Maahaaraashtraa keessatti, yoo ahsaakiltiin hinjiraanne ykn bitachuun hindanda'amne ta'e, namoonni daabboo qullubbiin sooratu,'' jechuu ture Dr Mohaseena Mukaadaam qorataan seenaa nyaataa kan ibsan.

Dhugaattis qullubbiin naannoolee biyyatti muraata kan akka Bahaafi Kibba keessatti qofa ballinaan fayyadama. Haawasni amantaa hundu hinfayyadaman.

Haa ta'u malees, godinaalee ummanni hedduun keessa jiraatu kaaba biyyattiitti baayyee beekamaadha. Bulchiinsi kunis bakka bu'ooya ummataa hedduu paarlaamaa Hindiitti ergeera.

''Fayyadamtoonni kaabaas motummaa federaalaa Hindii keessatti dhiibbaa olaanaa taasisan. Biyyatiitti ayyadamtoonni naannoo biraa jiraatan waa'ee gatiin ol ka'u baayyee dubbachu baatan illeen, isaan kan kaaba biyyaattiitti argaman komii kaasan illeen motuummaan dhiibbaan irra gaha, jedha qorataan imaamataa.

Gatiin qulluubbii yoo gadi bu'ees galii qonnaan bultootaarratti ni qbaata, keessattu bulchiinsa Maahaaraashtraa keesatti.

''Qonnaan bultoonni qulluubbi akka omisha galii yeroo gabaabaa keessatti gahuutti ilaalu. Innis lafa guggaarrattis bishaan muraasaan qofa biqilu danda'a,'' jedhu gabaasaa Dipti Raut kan waa'ee qullubbii waggootaaf gabaafte ture.

''Innis akka maashina ATM galiin kan qonnaan bultootaaf galchuudha. Yeroo tokko tokkoos maatiin haala galii qullubbii irratti hundaa'uun kakoora baafatu'' jetti.

Wayita gatiin ol ka'uutti bara 2013tti hattoonni konkolaataa qullubbiin gutamee hatuuf yaalanii turan. Garuu polisiin to'ataan. Kanaafuu gatiin qullubbii haattuulleen ni hawwata.

Abbootiin siyaasaa maaliif waa'ee qullubbii yaadda'u?

sababiinsaa gatiin qullubbi karaa adda addatiin namoota hedduu, maatii ykn qonnaan bultoota biyyatti aarsuun sagalee kennuurraa dhaabuu waan danda'uufiidha.

Qulluubbiin murteessaa waan ta'eef duula na filadhaa keessatti illeen ka'eera. Motummaan Delhiis qullubbii bituun gatii gadhaanaadhaan baatii Fulbaana keessa jiraattoottaaf dhiyeeseera. Bara dhufaatti filanno irra debiitiif gatii akka ol ka'u baramu qabaata jedhaniiru Ministirri olaannaan Arvid Kejriwaal.

Ofoo gatiin qulluubbi bara kan maaf dabale?

Sababii roba cimaafi lolaa Hindii keessatti omish %35 kuusaa keessatti nalleesseen walqabate dhiyeessitiin gadi bu'eera, akka Naanaasaaheb Paatil, daarektar federeshinii Gabaa Koopreetive Qonna biyaaleessaa jedhanitti.

Akkasumas lolaan omishi itti aanu kan Fuulbaana keessa dhiyaachu qabu akka hindhiyaane tursiiseera.

Dhirrinni omishaafi dabaluun gatii isaan walqabate umamuus yeroo hunda waqxii kanatti ni mudata, akka Ms Rautiitti.

''Adeemsisaa kan wal qabateefi faddaloonni jidduu ammii dabala gatii xiqqoon osoo hinhafne irraa buufatu'' jette.

Falli maal rree?

Akka Ms Raut jettuutti jalaa kaasanii sirriitti karoorfachuufi buufataale man-kuutaa gaarii akkasumas tajaajilawwan omisha nyaataatti yaaduun rakkinicha ni salphisa. Kana malees, omishaalee gara biraa hedduu omishuun fedhii qulluubbiif jiru ni hirrisas jetti.

"Wayita gatiin qullubbii dabalu motummaan tarkaanfii attattamaa fudhata. Wayita gatiin gadi bu'u maaliif akkasiitti tarkaaffii sardamaa hinfudhannee?'' jechuun dubbatan qonnaan bulaan qulluubbuu Vikaas Daarekaar. Motummaanis qonnaan bulaarraa 'gar=tii gaariin' bitu qabaatas jedhaniiru.

Haa ta'u malees Mr Murugkar motummaan gonkumaa 'dhimma qullubii' keessa gahu hunqabaatu.

"Dandeettii bittaa hawaasaa guddisuuf ammoo, alaa galchuu dhorkuu hinqbaatan. Alaa galchuu Software irratti dhorkaa akkasii qabnaa? Dhugumaatti ifaa miti. Motummaan sagalee guddaa akkasiin mo'atees dhiibbaa fayyadamtoota muraasaan taasifamu dandamachu danda'u qaba."