Nama 'waggaa sadi booda' reenfi isaa appaartimentii keessaa argame

Miseensi humna waraanaa galaanarraa duraanii Ameerikaa Daalaas, Teeksaas keessatti reenfi isaa argame waggaa sadi dura du'uu isaatu himame.

Maatiin Ronald Wayne White dhabamuu nama kanaa irra deddeebiin aanga'ootatti gabaasanillee homaa deebii hin arganne.

Reenfi nama kanaa wayita appaartimentiin inni keessa jiraachaa ture sakatta'amu argame.

Appaartimentiin reenfi isaa keessatti argame onaa fi bakka bishaan keessa hin jirreedha.

Bara 2016 waggaa 51 akka ture kan himamu Aab White erga humna waraanaa galaanarraa Ameerikaa keessa ba'ee humna ittisaa keessatti dhuunfaadhaan tajaajilaa kennaa ture.

Namni kun haadha manaa waliin wal hiikee ture, ergasii bakka imalu hunda kophaa deema, hojii daldalaaf Ameerikaadhaan ala hedduu imalaa ture.

Magaalaa New York keessa kan jiraatan harmeen isaa Doris Stevens ilmi isaanii irra deddeebiin bilbilaafii akka ture dubbatanii erga waggaa sadii as garuu bilillisaa narraa citeerra jedhan.

Dhabamuu ilma isaanii dameewwan poolisii biyyattii hedduutti bilbiluun akka gabaasaa turan dubbatan.

Garuu inni nama dargaggeessaa fi yeroo baay'ee kophaa isaa imalu waan ta'eef namni akkasii badeera jennee hordoffii hin gaggeessinu jechun poolisiin akka dide himan.

''Gaaffiin kiyya inni guddaan akkamiin ilmi koo appaartimentii keessatti du'ee osoo reenfa isaa namni hin argin waggaa sadi turaadha'' jechuun TV Daalaasitti dubbatan.

''Erga inni badee guyyaa hunda, guyyaa ayyaanaafaa, baay'een dhiphadhe. Namni naaf barbaadu hin turre''

Aab White appaartimentii guddaa sadarkaasaa eeggate keessa jiraachaa kan ture yoo ta'u bilookiiwwan jiran keessaa moggaatti ba'eeti kan inni kireeffate.

Kutaa inni kireefate arguun baay'ee rakkisaadha, yeroo hunda foddaa fi ulaa cufatee taa'a.

Yeroo tokko kutaan isaa rooba waan galcheef ogeeyyiin sirreessuuf seenanii, ergasii kutaansaa banamee hin beeku.

Dhumarratti reenfi isaa argame.