Sashaa Baroh Kohen: Feesbuukiin Hiitlar osoo jiraatee beeksisa akka bituuf ni eeyyamaaf ture

Taaton lammii Biriteen Saashaa Baron Kohen, Feesbookiin bara 1930n keessa utuu jiraateera ta'e, Hiitlar ilaacha jibba Jiwishootaaf qabu akka gaggeeffatuuf waltajjii ni eeyyamaaf ture jechuun dubbateera.

Haasaa Niiw Yoorkitti taasise irratti waa'ee midiyaa hawaasummaa kanaa addatti dubbateera.

Dabalataniis 'yaada hin taane namoota biiliyoonaa ta'an' irratti dhiibaa jiru jechuun Google, Twitter fi YouTube qeeqeera.

Midiyaaleen hawaasummaafi dhabbileen inteerneeta duula siiyaasaa irratti tatamsa'ina odeeffannoo sirrii hin taanee to'achuuf dhibbaa guddaa jala jiru.

Dhuma Onkoloolessa irratti Tiwiitarri beeksisa siyaasaa kamiyyu Sadaasa 22 irraa eegalee akka dhorku beeksiseera.

Jalqaba torbee kanaattis Google beeksiisawwan siyaasaa dhorkuuf akka jiruu beeksiseera.

Geeddaramsa jeegalame kana akka hordoofuuf Feesbuukiin dhibbaa jala jira jedhu xiinxaaltonni.

Baroh Kohen ejjennoo hoggonaan Maark Zakarbarg beeksisa siyaasaa hin dhorkuu jedhe irratti dubbateera.

"Yoo kaffalteefi, Feesbuukiin beeksisa 'siyaasaa' kamuu ni maxxansu, soba utuu ta'eeyyu. Dabalataaan immoo fayyadamtoota isaanii filatanii irraatti dhiibuun sobni kun akka babal'atuuf si gargaaru," jedha.

"Utuu Feesbuukiin Bbara 1930'n keessa tureera ta'e, Hiitleer waa'ee 'rakkooo Jiwishoota' ilaalchise 'hiika' inni qaba jedhuuf beeksisa sakandii 30 akka maxxansuuf ni eeyyamaaf ture"

Baron Kohen "bu'ura midiyaa hawaasummaafi akkamiin jibba, ololaafi soba akka ittiin raabsu irratti deebinee yaaduuf" yeroon amma jedha. Dabalataanis Feesbuukiin 'bakka mirgi yaada ofii ibsachuu itti kabajamudha' jedhe Mark Zakarberg amanuu isaa gaaffii keessa galcheera.

"Hundi keenya namoota hamoofi namoota daa'imman miidhan yaadaasaanii akka adeemsiifataniifi namoota midhaan irratti akka xiyyaaffataniif waltajjii bilisaa kennuu hin qabnu kan jedhu irratti walii galla jedheen amana," jedheera.

Haasaa kanarratti dhaabati Feesbuukii yaada hin kennine.