Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miidhama qaamaa: Dhaabbata Tekkii kan namoota dhageettii dhabaniin gaggeeffamu
Shamarree Mimmii Laggasa osoo mana barnootaa Alfaa ijoollee dhagahuurratti rakkina qabaniitti barataa jirtu nama lammii Siwizarlaandiifi Itoophiyaa ta'e tokko waliin wal agarte.
Namni kunis namoota dhageettii irratti rakkina qaban walitti qabuun dhaabbata tokko baasii maallaaqa miliyoona sadiittin hundeessuu kan kaayyeeffate ture.
Dhaabbata guddiftoota daa'imaanii keessatti kan guddatte Miimmiin, namoota lama waliin ta'uun dhaabbata waraqaarraa boorsaa omishuu dhaabuuf yaada wixinneessan.
Hojiii namoota dhaggeettii irratti rakkina qaban hirmaachisuun alattis, naannoo faalama pilaastikaa irraa eeguuf kan yaadameedha.
Mimmiin erga dhaabbata keessatti guddattee baateen booda kuulaan shuraabii, koffiyaa fi boorsaa hojjataa turte. Akkasumas oggummaa kanas namoota rakkina akka ishee qaban barsiisaa turte.
Haa ta'u malee gabaan hojii kanaa akka yaadamee baayyee kan hawwatu hin turre.
kanaafuu Mimmiin yerooshee gutuu hojii kuulaan hojjattuurraa gara omishaa waraqaatti geeddarte. Haaluma kanaanis dhaabbanni Teekkii jedhamu waggaa sadiin dura hundeeffame.
Shamarree Maskaram Bayyanaa ammoo ijoollee dhaggeettii irratti rakkina qabana waliin waan guddatteef hiiktuu afaan mallattoo taate. Booda keessas dhaabbatta Teekii keessatti hirmaachu eegate.
Ammaan tanas Mimmii fi Maskaram hojii gaggeessitoota dhaabbata Takkii ta'uun hojjataa jiru.
Miimmiin nama afaan mallattoo hiikuuf waliin ta'un eddoowwan garaa garaatti socha'uun borsaa waraqaa irraa hojjatame beeksiifti.
Haaluma walfakkatuunis gaaffii BBC irraa dhiyaatuu wayita Mimmiin mallattoon deebiiftu, Maskaram hiikuun waa'ee dhaabbata isaanii nutti himaniiru.
Gaaffii hammatamuu?
Itoophiyaa keessatti dhaabbileen mootummaas tahe dhuunfaa qaama miidhamtoota kan hammatan miti jedhamuun qeeqamu.
Qaama miidhamtoota qacaruuf fedhii dhabuu irraa eegalee yoo qacaranis haala miijataa uumuufi dhabuun rakkoo isa guddaadha.
Teekiin dhaabbata haala kana fooyyessuuf hojjetu yoo tahu keessumattuu dubartoota rakkoo dhageettii qabana qacaruun hojjechiisa.
Maskaram akka jettutti dhaabbileen qaama miidhamtoota hammachuu dhabuun rakkoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane kan adunyaa kanaati.
Dhaabbileen qaama miidhamtoota qacaruuf gaafa yaadan sodaan guutamu. Namoota rakkoo dhaggeettii qabaniif nama afaan mallattoon hiiku qacaruun baasii dabalataa isaan gaafata.
''Daldalaa biras tahe hawwaasa bira rakkoon hubannaa waan jiruuf qaamni miidhamtootni akka namoota qaama guutuu qabanii hojjetu jedhanii waan hin eegneef hojii keessatti hammachuun hin yaadamu.''
Rakkoon gara biraan bakki hojii hammam qaama miidhamtootaaf mijataadha kan jedhus dabalata.
Meeqan isaaniitu Raampi [ karaa ol bahaniifi bu'an] qaba? Miimmin akka jettutti namoota rakkoo dhaggeettii qaban biratti rakkinichi manumea eegala. Maatiin afaan mallattoo hedduu waan hin dandeenyeef ijoolleen rakkoo dhageettii qaban odeeffanno malee guddatu. Lafa hojiittis akkasuma.
''Warri rakkoo dhaggeettii qaban waan qoollifatamaniif yeroo baay'ee qofaa isaanii taa'u.
Tiikii keessatti garuu tokko isa biraa ilaalee qofaa koo miti jechuun miidhaa isaa salphisee akka ilaalu taasifama.
Odeeffannoos arganna. Kun ammo ofitti amanamummaa keenya dabala.''
Furmaanni maali?
Dhaabbanni 60% qaama miidhamtoota qacaree hojjechiisu VAT irraa bilisa taha labsiin jedhu hammachuu kan jedhu kana kan jajabeessu tahu hojii irra oolmaa isaa irratti garuu hanqinni jiraachuu dubbatti.
60% qaama miidhamtoota qacarree VAT irraa bilisa tahuuf gaafannus adeemsa dheeraatu nu mudate. Ji'a torbaaf deemnee odiitii raawwannee ammallee hin xumuriin jirra.
Mootummaanis labsicha hojii irra oolchuuf adeemsicha salphisuu akka qabu dubbatti Miimmiin.
Kana malees meeshaalee alaa galan qaraxa irraa bilisa gochuun fi deeggarsa biraa kennuun dhaabbileen hedduun akka qaama miidhamtoota qacaruuf onnatan taasisa jetti.
Qaama miidhamtootni beeksisa hojii bahe tokko irratti raga barnootaa barbaachisu dhiyeeffatanis warri qacaran carraa isaa hin kennaniif.Dhaabbileen qacaraniifi hoggantootni kana irratti hubannaa gahaa argachuu qabu jechuun dubbatti.
Imala gara eegumasa naannootti
Seera waggoota sadiin booda hojiirra akka olfamu himameen Itoophiyaan faalama naannoo ittisuuf omishaalee pilaastikaa dhorkuuf karoora qabaachu ifa taasifte jirti. Biyya olaa kan taate Keenyaa dabalatee omisha pilaasitikaa kana biyyoonni hedduun dhorkaniiru.
Dhaabbanni Takkii kunis haala kana dursuun omishaa boorsaa isaa beeksiisuu eegaleera. Mimmiin garuu hojiichi cimaa ta'usaa himti.
Fakkeenyaa abbootii qabeenyaa suuqii omisha pilaastikaa gatii gadaanaan omishamu filatu.
''Dhimma bilisaan kenninu maaliifan bu'aa kiyyaa dabarsee kennaa jechuun gaabbuu'' jetti.
Boorsaan waraqaa kan pilaastikaa irraa gatiin dabaluu illeen gummaanni inni eegumsa naannootiif qabaatu salphaa akka hintaane dubbachuun, yaalii taasisu.
Dhaabbileen muraasni omishaa isaanii yoo qoodaniif, dhuunfaan kan irraa bitanis jiraachu dubbatu. gama buaatiin kan deemsiisu yoo ta'u baateelleen gara fuula duraatti haalli ni geedarama abdii jedhuun akka qaban dubbatti Miimmiin.
''Bu'aa keenya baayyee gadaanaa ta'ee osoo hojjannu boru hubannon namootaa yoo cimu ni gurgurra. kan eegaleessi kaayyoo eegumsa naannoofi hawaasummaa qabanneeti,'' jetti.
Tibba tokkoottis Imbaasii Siwiizarlaand waliin wal ta'uun, daabbilee dubartoota hojii umtootaan dhaabbateen boorsaa waraqaa bilisaan raabsanii turan. Kana caalaas suuqiiwwan akka faarmaasiifi omishooti nyaataa (baaltinnaa) tti fudhatame argateera jetti.
Namoonni yoo waan xixxiqqaa bitattan qabduu akka isaan omishaniitiin qabachu barbaadu. Akkasumas namoonni qorichoota akka hinbeekamne barbaada faarmaasii yoo bitaniitti itti qabachu barbaadan ni jiru.
Gara fuula duraatti omishinni pilaastikii wayita dhorkamuutti dhaabbilee hedduun gara omisha waraqaatti ni deebii'u jedhamee eegama. Kunis dhaabbata Takkii rakkina keessa galchu mala ta'a.
Mimmiin akka jettuutti, damee omishaa borsaa waraqaatiin namoota qaama miidhamtootaaf dursi kennamu qabaata. Kunis namoota kuma hedduu hojii dhaban deegaruun ni danda'ama.
''Dameen kun osoo namoota qaama miidhamanii kenname rakkina hojii dhabummaa hiiku danda'a. garuu ammoo maashiniin ni barbaachisa. garuu qaama miidhamtoonnihaala salphaa ta'een hojjachu danda'u. Ilaalcha namootaa geedaruufi motummaa amansiisuuf walgahii gaggeessuuf yaadnee jirra.''
Jalqabbii Teekii
Dhaanni Teekii namoota rakkoo dhaggeettii qaban 18'n socho'aa jira. Hanga ammaatti borsaa kan waraqaa kuma 900 fi kuma 35 ol oomishaniiru.
Miimmiin akka jettutt dhiyeessiin meeshaalee dheedhii oomishaaf oolanii gabaa irratti qaala'uun rakkoo akka itti tahe dubbatu Miimmii fi Maskaram.
Hanga ammaatti osoo VAT irraa bilisa taaneerra tahee gatii isaa hir'isuun akka namootni bitan gochuu dandeenya ture.
Gabaa keessattis dorgomtoota tahuu dandeenya turre jetti Miimmiin.
Kanaan dura Itoophiyaa keessatti waraqaa meeshaalee gataman irraa irra deebiin hojjetaman fayyadamna ture.
Sababa hanqina sharafa alaan keemikaalli waraqichi ittiin hojjetamu dhabamuu irraa kan ka'e
Qulqullini oomishaa waan gadi bu'eef yeroo muraasaaf oomisha dhaabanii akka ture himan.
Rakkoon biraan kaasan ammoo lafa oomishaa yoo tahu kan Kanaan dura itti hojjechaa turan handhuura Finfinnee irraa fagoo waan taheef oomisha isaanii dedeebisuuf akka isaan rakkisu dubbatti Miimmiin.
Dabalataan bakkichi mana jireenyaaf kan kenname waan taheef bakka kuusaa hin qabnu ture jedhan. Amma garuu naannoo Gootaraa jedhamuun beekamuu gamoo mootummaan Iterprayizii Maayikiroo xixiqqaaf qopheesse irraa gatii gadi bu'aan kirayii fudhatanii akka hojjechaa jiran himan.
Haa tahu malee gamoo irra tahuun isaa oomisha dedebisuuf namoota [Wheel Chair] fi kiraanchii fayyadamaniif mijataa miti jedhan.
Miimmiifi Maskaram waggoota sadan dhufanitti borsaa waraqaa miliyoona shan rabsuun namoota 100 tahaniif carraa hojii uumuuf karoora akka qabanis himnaiiru.