Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barataan Fireenchi rakkannaan abidda ofitti qabsiise
Barataan lammii Firaansi ganna 22 abidda ofitti qabsiise haala fayyaa lubbuu isaaf yaaddessaa ta'e keessa jira.
Barataan kun mana nyaataa Yuunivarsiitii Liyoon fuulduratti osoo abidda ofitti hin qabsiisin sa'aatii muraasa dursee maallaqa dhabee rakkataa akka jiru 'Facebook' isaarratti barreessee ture.
Pireezidanti Firaansi Imaanu'eel Makiroon fi warra isaan dura turan lamaan, hogganaa siyaasaa Mariin La Peen akkasumas Gamtaa Awurooppaa "na ajjeesan" jechuunis himateera.
Barataan kun qaamni isaa dhibbeentaa 90 abiddaan gubateera.
Barataa yuunivarsiitii Liyoon 2 kan ta'e namni kun, ji'atti baasii jireenyaa isa barbaachisu Yuuroo 450 ykn birrii kuma 15 argachuun humna isaa ol akka ta'e 'Facebook' irratti barreessee ture.
Ergaa isaa kanaan 'fashiizimii' kan gargar nu qoodu malee bu'aa biraa hin qabne akkasumas 'liibaraaliizimii kan garaagarte jireenyaa uumuu waliin taanee haa lollu jedhe.
Waangochuuf deemu dursee ergaa gabaabaan kan itti hime jaalalleen isaa aanga'ootatti himtee akka turte dubbatti.
Gaamtaan barattootaa "gochi barataa kanaa maallaqa rakkachuu qofatti xiqqeeffamuu hin malu" jedheera.