Barataan Yunvarsiitii Jimmaa Fincaa'aa Saqqaatiin nyatame reeffisaa dhabame

Yunvarsiitii Jimmaatti barataa 'Computer science' waggaa lammaffaa kan ta'e barataa Taaddasaa Chuuchuu Sanbata darbe Finca'aa saqqaan nyaatamee, reeffi isaa hin argamne.

Hiriyoota isaa waliin garas kan imalanii turan barattootni Yunivarsitii Jimmaa kunneen dhiira lamaafi dubartoota lama ta'uuni bakkichatti suura ka'uun bashannanuuf kan deeman.

Hiriyootni dhiiraa kuni lameen bishaan laga Gilgel Gibee, Fincaa'aa Saqqaa kana daakuuf seenanis barataa Taaddasaan garuu bishaanichaan nyaatamuun torban tokkoof reeffisaa barbaadamee hin argamne.

Baraticha waliin gara Fincaa'aa kanaa deemuu kan himtu Barattuu Yordaanos Zawudee, jalqaba mooraa Yunvarsiitiitii yoo garas deemnu akka hin daakne waliigallee turre jetti.

"Jalqaba gaafa garas deemnu suura kaaneetuma fuula facebook irratti gadhiisna malee hindaaktan jenne waliigalle. Gaafa achi geenyu garuu warri dhiiraa lamaan yaada isaanii jijjiiranii uffata baafatanii bishaanichatti seenan" jetti.

Taaddasaa fi hiriyyaansaa duubatti hafanii Fincaa'aa Saqqaa daakuuf mari'achuu kan himtu Yordaanos, hamma nudhokatanii bishaan seenanitti nuti akkuma hin daaknetti beekna jette.

"Yeroo nuti achi geenyu namoonni biroo daawwannaaf dhufan argannee moobaayilii keenyan nu afran waliin suura nu kaasaa turan".

"Gaafa dhiirota lamaan bishaan keessatti arginu baayyee rifanne. Itti iyyaas turre. Taaddeen inumaa garaadhaan olgalagalee daakaa ture. Maqaa lamaanituu waamatii itti iyyaa turre, "jetti Yordaanos.

Osuma daakaa jiranii gara Fincaa'ichaatti achi fagaachaa akka deemanis arguu himti.

"Boodarra gara Fincaa'icha jala gahanii harka walqabatan. Edaa inni ani dadhabeera jechaanii ture natti fakkaata. Yoon halalaa laalu jalqaba kan gadi fudhatame hiriyaasaa Diinaa'ol ture. Xiqqoo turee Diinaa'ol olbahee Taaddeen immoo gadi lixe," jechuun attamiin akka bishaanichaan nyaatame himti.

Fincaa'icha bira wayita gahanitti lamaanuu baayyee dadhabanii waan turaniif ija dunuunfatanii turuu himti. Fincaa'aan suni humna waan qabuuf Diinaa'ol gara muka bishaanicha bira jiru tokkootti waan darbateef isa itti dhihaadheen harkisee baase jetti. "Yeroon Mucaa isa lubbuun hafe, Diinaa'ol harkisee baasu inniyyuu hinjiru du'eeran se'e. Sirumaa hin socho'u; hin dhagahus ture. Lapheesaa dhidhiibeen gargaaraa ture."

Booda hiriyaanshee tokko gara magaalaa deemuun waajjira poolisiitti gabaasuu kan himtu Yordaanos, barataan bishaaniin nyaatame Taaddasaan garuu erga takka gadi seenee deebi'ee hin mul'anne jetti.

"Mucaan inni harkisee baase takka turee hurgufamuu jalqabe, Taaddee silaa erga gadi seenee hin argine. Ergasii boodas poolisoonniifi namoonni baayyeen dhufanii waan ta'e hin yaadadhu" jette Yordanos. Sanbata xiqqaa darbe Fincaa'aa Saqqaatiin kan nyaatame barataa Taaddasaa Chuuchuu, reeffasaa barbaaduuf daaktota naannoo sanaa, akkasumas kan Bishoofturraa ergamaniifi hojjettoota balaa tasaa Finfinnee irraa deemaniin guyyoota jahaaf barbaadamus hanga ammaa argamuu hin dandandeenye. Yunvarsiitii Jimmaatti daayirektarri insitituutii teeknolojii Dr. Taammanaa Addunyaa, baratoonni yunvarsiitii Jimmaa dhokatanii bakkichatti bashannanaaf akka deemaniifi balaan fincaa'aa kanaan nyaatamuu amma duras mudachaa turu himu.

"Barattoonni yeroo baayyee dhokatanii dhaqu. Garuu suurafaa ka'anii deebi'u malee daakuun kuni hin baratamne. Barataan bishaan sana daaku hin jiru, ijoolluma naannoo sanaa yoo ta'an malee. Fincaa'aa sana wajjin suura ka'anii dhufanii walitti agarsiisu. Beeksisa itti hojjetanii ijoolleen akka achi deeman godhu," jedhan.

Hojjettoota bala yeroo tasaa caalaa humni waan akkanaa barbaaduu danda'u biyya keessa jiraachuu baatus, daaktota naannoo waliin waliigalte waan qabnuuf barbaachi itti fufa jedhan Dr. Taammanaan.

Bara darbes barataan muummee Faarmaasii eebbifamuuf guyyootni muraasni hafe tokko Fincaa'aa kanaan nyaatamee reeffisaa guyyoota lama booda argamuus ni yaadatu. Abbaan Barataa Taaddasaa Obbo Chuuchuu Rattaa, mucaan kiyya barataa cimaa waan tureef bakka guddaa naaf gaha jedhee rakkadhee barsiiseen tasa dhabe jedhu. "Gaafa sanbata xiqqaa naannoo sa'aatii sagaliittan dhagahe waan isa mudate. Ani baratee bakka namaa naaf gaha jedheen eegaa ture. Baratee naaf guddata jedheen torbee tokko dura asitti gaggeesse," jedhan. Ilmisaanii kunis konkolaataa isaanii konkolaachisaa waan tureef balaa konkolaataatu isa muudata jedheetan isa dhiisisee barumsatti deebiise jedhu. "Konkolaataa keenya duraan isatu oofa ture. Konkolaataa kanaan abiddatti na jalaa gubata jedheetan isa dhiisisee barumsatti erge. Nan guddifadha jedhee osoon wajjin bu'ee bahuu na harkaa fudhatame" jechun gadda itti dhagahame ibsu. Reeffi mucaasaanii dhabamuun gadda isaanii daran akka hammeesse kan himan Obbo Chuuchuun, gargaarsa waaqaafi mootummaatiin reeffa isaa akka naaf barbaadamee argamun kadhadha jedhan. "Amma torbee tokko inuma barbaadama. Osoon reeffasaallee argee garaan nama boqota. Du'e jennee hin awwaalle, jira jennee hin argine isumatu mala nudhoowwee raakamaa jirra" jechuun BBCtti himan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi pirezedaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiis bara darbe Fincaa'aa Saqqaa kan daawwatanii turan