Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp maallaqa gargaarsaa qisaaseesseef $2m akka kaffalu ajajame
Haati Seera Niiw Yoork Pirezdaant Donaaldi Tiraamp dhabaa gargarsaa isaa irra maallaqa duulaa filannoo isaaf bara 2016tti waan fayyadameef doolaara miiliyoona 2 akka kaffaluuf ajaja baasaniiru.
Dhaabni 'Donald J Trump Foundation' bara 2018, yeroo abbootiin alangaa dhaabichi Tiraampiif 'dhaaba gargaarsa olitti' fayyaadaa jira himanna jedhu dhiyeessanitti cufame.
Akka haadhi seera kun jettutti, dhaabota gargaarsa akka isa Tiraampi ijjoollen isaa sadii hogganaan siyaasa keessatti hirmaachuu hin danda'u.
Maallaqi kun Tiraamp ofiisaatiin kaffalamuu qaba jetteetti.
"Utuu dhaabni kun yoona jiraate maallaqa achi galu ture, doolaara $2,000,000 Obbo Tiraamp akka kaffalaniif ajajeera," jechuun Haadhi Seera Saliyaan Iskarpullaa barreesiteetti.
Maallaqi kun dhaabbilee gargaarsaa saddet Tiraamp waliin hidhata hin qabneef keennamuu qaba jetteetti.
Kaffaaltiin kun himannaa abboooti alangaan furmaata dhumaadha.
Tiraampifi abukaatoonni isaa himannaan kun kan siyaasaan oofameefi "raatonni dimookraataa Niiw yoork anuma himachuuf yaalii isaan godhanidha" jechuun mormaniiru.