Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daawwattoonni lola marshaal aartii Donaald Tiraampitti gumguman
Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp lafa lola marshaal artii 'Ultimate Fighting Championship (UFC)' jedhamu daawwachuu dhaqetti gumgummii hedduu fi deeggarsa muraasa argate.
Pireezidantichi lola 'Mixed Martial Art (MMA)' jedhamu daawwachuuf aanga'oota olaanoo paartii Riippablikaanii fi ilmaan isaa Donaald Tiraamp Jr. fi Eriik Tiraamp waliin Niiw Yoorki dhaqe.
Wayita maqaan isaa waamamus daawwattoonni kumaatamaan lakkaa'aaman sagalee wal-fakkaataa 'buuuu' jedhu dhageesisuun itti gumguman.
Gareen xiqqoo Tiraamp mormanis iddoo 'Madison Square Garden' jedhamutti walitti qabamuun Tiraamp balaaleffataniiru.
Gumgummiin akkanaa Tiraamp irratti yoo dhagaahamu kan duraa miti, guyyoota muraasa duras Washiingitan Diisii keessatti tapha 'baseball' irratti bifa wal fakkaatuun mormiin isa mudatee ture.
Qarqara tokkorraa ammoo sagaleen "lock him up" ykn 'hidhaa galchaa' jedhu dhagaa'ameera. Dhaadannoon kun kan deeggartoonni isaa Hiilarii Kiliintaniin jedhaa bahanidha.
Lola marshaal aartii Sambataa irratti namoonni hedduun haa morman malee kanneen harka walitti dhahaniifi deeggaranis jiru.
Barreeffamoonni Tiraamp akka aangoorraa ari'aman gaafatanis mul'ataniiru.
Wayita amma himatni aangoorraa kaafamuu kan irratti baname Donaald Tiraamp, filannoo bara 2020 irratti morkataa isaanii kan ta'an pireezidantiin itti aanaa duraanii Joo Baayidanis akka qorataman dhiibbaa uumaa jiru.