Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taanzaaniyaa: Hojjetoota Chaayinaa 'suuta hojjettu' jechuun to'annoo jala oolchite
Aanga'oonni Taanzaaniyaa magaalaa Dar es Salaamitti hojjeettoota lammiilee Chaayinaa afur hojii mootummaan qacaraman yeroon xumuruu waan hafaniif to'anno jala olchan.
Dhirooti lamaafi dubartiin tokko kunneen dhaabota lamaan daandii fi jallisii roobaan badee ture akka hojjetaniif ture kan qacaramani.
Haalli kun hojiin naannichaa akka dhaabatuu fi magaalaa irraa sa'aatii hedduuf akka addaan citu taasiseera.
Jarreen kana to'annoo jala olchuun ajaja bulchaa Dar es Salaam Powuul Makondaa ta'uufi "warra kaaniifis fakkeenya akka ta'uuf" akka godhame barreessaan olaanaa naannichaa Abuubakar Kuneenge dubbachuu AFP'tu gabaase.
Namootni afran "galgala yeroo hunda wajjira poolisii buluun ganama ganama ammoo lafa hojii dhaquun to'achuu kan itti fufan hanga Obbo Makondaan hojiin kun saffisa sirriin deemaa jiraachuu isaa murteessanitti," jechuun Abuubakar Kunengee dubbataniiru.
Dabalataanis, hojiin kun kan hawaasicha gargaaru waan ta'eefi "namoota waliigaltee hojii kabajuu hin dandeenye Dar es Salaam keessatti iddoo hin qaban," jedhaniiru.
Bulchiinsi Pirezdaant Joon Magufulii waligaltee hojii biyyoota biraa wajjiin godhan sirrii ykn kan nama hin quubsine yoo ta'e murtee deebisanii sirreessu ykn ammoo waligaltiicha diiguun beekama.