Kaaba Keenyaa Kaawuntii Marsabiititti lolaan lubbuu namaafi horii hedduu obbaase

Guyyoota dabran keessatti roobni cimaa Kaaba Keenyaa, keessattuu kutaa Marsabiititti roobe lubbuu namaafi horii galaafate.
Hoogganaan Abbaa Taayitaa To'annoo Hongee Damee Marsabiit Aab Guyyoo Goollichaa, roobni hamaan roobee balaa qaqqabsiisuun haaraa ta'uu baatullee kan baranaa kun addadha jedhan.
''Roobni guddoo roobee bishaan Itoophiyaarraa dhufuun walitti dabalamee kutaa Marsabit, Solooloo, Golboo, Waajir hedduu miidhe. Bishaan laga Boorii dhufutu guddoo faca'ee miidhaa geessise.
Naannawa Boorii, Dhaddacha Lakkoolee, Ambaaloo, Baddareeroo,Laaqii, kun hundi amma keessa hin baasisan.
Horiillee kan akka re'ee fi loon hedduu obbaase.''
Lafa bal'aa bishaan irra ciiseera waan ta'eef karaan itti darbanii uummata gargaaranillee rakkisaadha jedhan Aab Guyyoon.
Balaan kun erga mudatee guyyoota lamaan kana keessatti Bulchaa Kaawuntii Marsabit Mohaammad Alii (Abshiroo) fi hooggantoota mootummaa biroo waliin mari'achuun deggersa nyaataa fi kanneen biroo taasisaa jirras jedhan.

Rakkoon kun akka malee kan cime bultiin lamaan darbe kana kan jedhan Aab Guyyoon, kutaan Mooyyalee gama Keenyaa garmalee balaaf saaxilameera jedhu.
Balaa rooba hamaafi bishaan guutee mudate kanaan lubbuun namaas darbuus dubbatu.
Akkasumas re'oonni 6,000 fi loon 3,000 ta'anis obba'aniiru.
Akka hoogganaan kun jedhanitti, manneen 200 - 300 ta'anis balaa kanaan haalaan miidhamaniiru jedhu.
Bakki balaan itti mudate kun uummanni horsiifatee kan bulu yoo ta'u, bakka horiin oolu hunda bishaan irra buufatee waan jiruuf horiin bakka ooluu fi waan dheedu dhabee rakkateera jedhan.

''Sirikaalli Marsabit fi warri Fannoo Diimaallee qorsaa fi sagaleedhaan uummata deggeruutti jiran.
Sababa galaanni lafarra buufatee jiruuf bakka hunda ga'uun dadhabamullee, hanga dandeenyeen uummata rakkoo keessaa baraaraa jirra.''
Dhaabbata Fannoo Diimaa damee Marsabit kan hoogganan Maurice Anyango lafoo deemnee deeggarsa kennuu waan hin dandeenyeef, qilleensarraan deggersi kennamaaa jira jedhan.
''Balaa kanaan qabeenyi barbadaa'eera. Lammiileen qe'eerraa buqqa'anii kaan firoota isaanii gara biraa jiran biratti baqataniiru, horiin hedduun miidhamaniiru.
Balaa qaqqabe adda baasuuf gareedhaan qorannoo gaggeessaa jirra.
''Akka Dhaabbata Fannoo Diimaa Keenyaatti hanga ammaatti abbootii warraa 226 gargaaruu dandeenyeerra,'' jedhan Aab Maurice.

Garuu bakkeewwan hedduu bira ga'uuf daandiin addaan citeera. Keessatti kutaa Mooyalee gara Keenyaa deggeruuf baay'ee rakkanneerra.''
Roobni amma xiqqoo caameera kan jedhan Aab Guyyoon ammoo bishaan ammallee lafa uffisee waan jiruuf karaan nama hin baasu jedhan.
'Bishaan qara Itoophiyaarraa gadi bubbisaa turellee amma dhaabbateera, garuu lafti hedduu waan cicciteef namni deemuu hin danda'u''
Balaa kanaan namni lama akka du'etu himama, Aab Guyyoonillee namni du'eera jedhan, garuu lakkoofsa jedhame kana kan beeku mootummaadha jedhan.
Uummanni bakka dhooqa keessaa gara gaaraatti akka ba'u labsaa jirra jedhan Aab Guyyoon.
'Kana booda ji'a lama ni rooba'
''Fulaa xiqqoo olka'utti godaanaa jechuutti jirra. Bishaan heddummaataa waan jiruuf laftillee citaa waan jirtuuf akka balaan biraa isin hin qaqqabne ol godaanaa jechaa jirra''
''Wayita uummanni godaanu waan isaan deggeru mootummaan, fannoo diinaan, Dhaabbati Miti mootummaa dhiyeessaafii jira. Horiillee lubbuu baraaruuf gara bishaan hin jirretti guuraa jirra''
Roobni ammaan tana hir'atullee gara fuulduraattis sodaa qabna jedhan Aab Guyyoon.
''Kana booda ji'a lama ni rooba. Kanaafuu akka biiroo keenyaattis akka mootummaattis namni dursee labsa akeekkachiisaa argatee akka of eeggatu irratti xiyyeeffannee hojjetaa jirra. Labsaan kanaan durallee inuma jirti.
Warri haala qilleensaa himan bokkaan ni gabbataa quba qabaadhaa jedhanii turan. Ammoo fuula durallee akka uummanni keenya of eeggatu hordofnee ni labsina''
















