Baraartota Keraalaa: gareen balaa lolaa kun namoota 22,000 baraaran

Madda suuraa, Getty Images
Biyya Indiyaa kutaa biyyaa Keraalaa keessatti yandoo osoo walirraa hin citiin roobe gab jechuu isaa wajjin walqabatee, lubbu baraartonni namoota 22,000 baraaruu hooggantootni himan.
Miseensonni waraana biyyaa, baraartootnii fi kiiyyeesitootni qurxummiii naannichaa naannolee balaa kanaan daran miidhamanitti gargaarsa kennaa jiru..
Bokkaa hamaa torban lamaaf osoo walirraa hin citiin robe kanaan namoota miidhamaniif hiliikooptaraan gargaarsi dhiyachuu eegaleera.
Ji'a Waxabajjiirraa qabee rooba ture wajjin walqabatee keessumaa balaa sigiga lafaa mudateen namoonni 350 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Ministirri kutaa biyya Keraalaa, Pinaaraayi Vijaayaan, buufataalee qubannaa 5,645 keessatti namoonni 725,000 gargaarsaaf kan argaman ta'uu beeksisaniiru.
Guyyaa Sanbataa ibsa kennaniin ''nama akkatti bahu dhabe tokkos ta'u'' baraaruuf akka hojjetan himaniiru.
Hoogganaan garee to'annoo balaa biyyattii Aniil Vaasudeevan kaampii baraaramtootni kun itti jiraatanatti dhiibeewwan sababa faalama bishaanii fi qilleensaan ka'uu malan ittisuuf qophaa'aa akka jiran beeksisaniiru.










