Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awustiraaliyaan akkaataa fardeen qalamuuf jedhan qabaman irratti qorannoo eegalte
Erga TV biyyattiin fardeen dorgommiif oolan bakka qalmaatti haala hinmalleen qabamaa jiru jedhu gabaafame booda qondaaltoonni Awustiraaliyaa qorannoo eegalan.
Gabaasni miidyaa ABC jedhamu gaafa Kamisaa gadhiifame tokko, bakka qalmaa Kuwiinislaand argamutti fardeen qalmaaf qophaa'an badii irratti yoo raawwatu agarsiisa.
Fardeen dorgommiif oolan biyya Awustiraaliyaatti qaluu seerri hin dhorku, haa ta'u malee bulchiinsota tokko tokkotti fardeen dorgommii yoo dhiisan nama biraatti kennuu ni eeyyamu.
Gugsiin fardaa Awustiraaliyaatti beekamaafi indasitirii galii guddaa argamsiisudha.
Qondaaltonni mootummaa dorgommii waqtii Birraa taasifamuf dura gabaasa miidiyaan darbe kanaan gadduu isaanii ibsaniiru.
Gaafa Jimaataa, qondaaltonni Kuwiinislaand qorattoota bakka qalmaa tokkotti erganiiru.
Gabaasni miidiyaarra oole fardeen gugsiif oolan 300 guyyoota 22 keessatti akka ajjeefaman eera.
Gabaasni kuni viidiyoo dhoksaan yeroo fardeen rukutamaniifi haala hin taanen qabaman agarsiisu qilleensarra oolche.
Gabaasichi akka jedhutti foon fardeen qalamee nyaata namaaf waan ooluf gara biyyoota Eeshiyaafi Awurooppaatti ergama.
Ministeerri dorgommii Kibba Weels kan ta'an obbo Kevin Andarsan viidiyoon qilleensarra oole namoota ispoortii kana keeessa jiran ''garaacha dhukkubseera'' jedhan.
Akka biyyaatti dhaabbatni indastirii gugsii fardeenii hordofu himannaan akka banamu himus fardeen dorgommii irraa ala tahan faana hordofuu akka hin dandeenye ibseera.
Akka biyyaatti wagga waggaan fardeen 8,500 dorgommiin ala ta'u yookiin dorgomuu dhaabu. Kanneen keessaa, dhaabbatichi akka jedhutti, mana qalmaa kan dhaqan dhibbantaa tokko gadidha.
Gareen mirga bineeldotaaf falman dhaabbati dorgommii fardeeni hordofu akkaataa ''fardeen qabaman quba hin qabu'' jechuun yeroo dheeraaf qeeqa dhiheessu.
Dorgommii gugsii fardeenii Birraa keessa Awustiraaliyaatti taasifamu namoota kuma hedduu ta'utu hordofa.