Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Turkii-Sooriyaa: Erdoogaan haleellaa Sooriyaa keessatti jalqabe bakkaan ga'uuf dhaadate
Ameerikaa dabalatee waraana kaaba Sooriyaatti gaggeessaa jirtu akka dhaabduuf waamichi Turkiif taasifamuufillee Pirezedaant Erdoogaan bakkaan osoo hin ga'iin of duuba hin deebinu jedhan.
Reekaab Xaayiib Erdoogaan duula jalqaban kana hanga "zoonii bilisa ta'e" uumnutti itti fufnee booda xumura argata jedhan.
Torban darbe erga loltoonni US Sooriyaa keessaa bahanii loltoonni Turkiifi finciltoonni Sooriyaa michuu Turkii ta'an waliin ta'uun duula milishoota warra Kurdootaarratti banuun daangaarraa qulqulleessaniiru.
Mootummaan Turkii milishoota warra Kurdootaa kanaan akka garee shorokkeessitootaatti ilaala.
Obbo Erdoogaan waamichaa akka Turkiin lola dhaabdu US taasisaa jirtu duubatti dhiisuun haleellaa jalqaban itti fufaa jiraatanis, Kamisa ammoo Pirezedaantii Itti-aanaa US waliin walarguuf jiru.
Turkiin kaaba Sooriyaatti torban darbe ture kan milishoota warra Kurdiirratti haleellaa bante.
Garee milishaa Kurdootaa Gurmuu Eegduu Ummataa (People's Protection Units (YPG)) jedhamuun beekaman kanaan daangaa gama Turkiitiin jiruun hanga kiiloomeetira 32 Sooriyaa keessa seenuun "zoonii bilisaa" uumuudhaaf jedhame.
Naannoo daangaa Sooriyaa sanarra baqattoonni Sooriyaa miliyoona lama ta'an jiru.
Gareen milishaa Kurdootaa kun ammoo garee milishoota Arabaa Humna Dimokiraatawaa Sooriyaa Syrian Democratic Forces (SDF)) jedhamu kan garee shorokkeessaa IS Sooriyaa keessaa baasuuf walta'an keessatti adda durummaan ga'ee ba'achaa tureera.
Duula walta'insa IS irratti taasifame kana ammoo halleellaa humna qilleenaa UStiin deggeramaa ture.
Erdoogaan maal jedhan?
Dubbii Roobii dubbataniin, Obbo Erdogaan, Turkiin akka haleellaa gaggeessaa jirtu dhaabsisuudhaaf "dhaabbanni shorokkeessaa" kaaba Sooriyaa jiru kun dura hidhannoo isaanii lafa kaa'uu qabu jedhan.
"Kan nuti waamicha taasifnuuf, galgaluma kana atattamaan shorokkeessitoonni hundinuu hidhannoofi meeshaa isaaniifi kan qaban lafa kaa'uun kiyyoo kiyyeessan kaasuun zoonii bilisaa nuti uumuudhaaf yaadne gadi dhiisanii deemuu qabu," jechuun garee paarlamaatti dubbatan Erdoogaan.
Kana malees, waamicha gaggeessitoonni biyyoota gara garaa akka garee sana waliin araaraaf ta'u taasisaniif ni didan, Pirezedaant Erdoogaan.
Pirezedaant Erdoogaan haleellaa jalqaban kana kan dhaabuu danda'an "zoonii bilisaa" naannoo daangarratti uuman qofaadha.
Namoonni bulchiinsa Tiraampiin qeeqan ammoo loltoota US naannoo sana keessaa baasuun Turkiidhaaf "kaka'umsa kenneef" akka haleellaa itti fufu taasise jedhu.
US garuu qeequmsa kana waakkachuudhaan, Wixata darbellee ministiroonniifi aanga'oonni ol-aanoo Turkiirra qoqqobbii keesseetti.
Pirzedaantiin Itti-aanaa US Maayiik Peensiifi Dursaan Dhimma Alaa Pompee'oo Kamisa magaalaa guddoo Turkii Ankaaraa galu jedhamee eegamaa jira.
PirezedaantiinUS Doonaald Tiraamp akka Turkiirratti tarkaanfii fudhatuuf dhiibbaan guddaan irratti taasifamaa jira.
Dhiibbaan Pirezedaant Tiraamp irratti taasifamaa jiru kun ammoo miseensota Rippabilikaanota warra buylchiinsa isaatiif amanamoo ta'anirraa dabalateeti.
Turkiin garuu NATO keessatti michuu jabduu USdha.
Kibxata ammoo Obbo Erdoogaan ejjennoo isaaniitti cichuudhaan waamicha US akka waraana dhaabsiftuuf dhiyeessitu jalaa callisuudhaan itti fufuun haleelaa jirti.
Pirezedaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiinis bilnbilaan Pirezedaant Erdoogaan waliin dhimma kanarratti haasa'aniiru.
Haleellaa Turkii hanga ammaa taasifteen namoonni kudhanii ol ajjeefamanii 160,000 naannoo sanarraa baqataniiru akka gabaasa Biyoota Gamtoomaniitti.