Neezarlaanditti maamiltoonni saal-quunnamtii odeeffannoon dhuunfaa jalaa hatame

Lafa daldalli saal quunnamtii itti ho'u

Madda suuraa, Getty Images

Neezarlaanditti namooti 250,000 daldaltoota saal-quunnamtii argachuuf marsariitii fayyadaman odeeffannoon dhuunfaa isaanii jalaa hatame.

Emeelii, maqaa fayydamaafi jechi darbii isaaniii marsariitii 'Hookers.nl. irraa hatameera.

Namni haleellaa hanna kanaa raawwate qaawwa sooftweerii chaatii irraan argate fayyadame.

Akka gabaasoti jedhanitti hattuun malataa kuni odeeffannoo hate kana marsariitii seeraan ala tahe irratti gurgurtaaf dhiyeeseera.

Dubbii himaan marsariitii Hookers.nl Tom Lobermann haleellaa qaqqabeen 'gammadoo mitii' jechuun miidiyaa Daach NOStti himeera.

Hojjettoonni daldala saal-quunnamtiis tahe maamiltoonni isaanii marsariitii kana fayyadaman odeeffannoon isaanii hatamee, yoo gurgurame balaa irra bu'uu jedhe dubbii himaan kun. Odeeffaannoon maamiltootaa akka saaxilames isaan beeksisnee turre jedheera.

Ergaan nama marsariitii kana to'atuun kenname maamiltoonni jecha darbii isaanii akka geedaratan gaafata ture.

Miidiyaan biyyattii NOS shakkamichi hanna raawwateen homaa akka hin gaabbine dubbateera.

''Ani hamaa miti, gaaffiin kan tahuu qabu marsariitichi hatamuu osoo hin taane yoom hatamee kan jedhu dha'' jedheera.

Namtichi yakka kana raawwate, namoonni baayyee odeeffannoo sana bituuf fedhii agarsiisaniiru jeheeera.

Marsariitiin Hookers.nl sirna sagantaa beekamaa tahe fayyadamuun marii online vBulletin qopheessa. Baatii Fulbaanaarra warri eegumsa odeeffannoo dhuunfaa qoratan sirni sagantaa kanaa hannaaf saaxilamaa tahuu himanii turan

Hogganaan marsariitii HackerOne Prash Somaiya, odeeffannoo Hookers.nl hatuun yakkamtootaaf 'injifannoo lakkuu dha' tokko, odeeffannicha ni gurguruu, lammata immoo fayyadamtoota maqaa balleessu jedheera.