Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rekoordii Maaraatoonii Addunyaa: Kosgein rikoordii Paula Radcliffetiin qabamee ture dha kan isheen cabsite
Atileetiin Keeniyaa Brigid Kosgei rikoordii maaraatoonii dubartootaa ganna 16 dura atleetii Biriiteen Paula Radcliffen qabamee ture dha Chikaagootti kan cabsite
Shamarreen ganna 25 sa'atii lama, daqiiqaa 14 fi sekoondii 04 galuun qabxii atleetii Radcliffe 2:15:25 maaraatoonii Landan bara 2003 foyyessite.
Atleetiin Itoophiyaa Abaabaal Yeshaaneh daqiiqaa 6 fi sekoondii 47 boodatti hafuun lammaffaa baatee jrti.
Dhiirota 22 qofatu sa'atii ariifataa kan ishee irra fooyya'aa tahe qaba. Bara 1964 otoo tahee immoo rikoordii addunyaa dhiirotaa taha ture.
Atleetiin kuni bara darbe sa'atii 2:18:35tti mo'attee, ''Baayyee gammadeera akkanatti nan fiiga jedhee hin yaadne' jettee turte
Rikoordiin atleetii Biriiteeniin bara 2003tti qabamee gama dhiirootaanis tahe kan dubartootaan kan waggaa dheeraa ture dha.
Radcliffe Chikaagootti argamuun atleetii rikoordii ishee waggaa 16 cabsiteedhaan baga gammadde jetteettiin
Atleetiin Itoophiyaa Galatee Burqaa sadarkaa tokkoo hanga sadii keessa bahuun torban darbe xumurte jirti.