Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xaafiin buddeena irra darbee oomisha biiraatiif oolaa jira
Biiraan Xaafiirraa hojjatame moggaasa "Addiis Xeef, Ambar Ale"jedhuun biyya Ameerikaa keessatti gabaarra ooluusaa bakka bu'aan kaampaanichaa obbo Miikaa'el Alamuu BBC'tti himaniiru.
Kutaalee bulchiinsa magaaloota Ameerikaa Waashingitan Diisii, Meeriilaand fi Varjiiniyaa keessatti qaruurrii kuma 20 ta'an biiraa xaafiirraa hojjatameen gabaarra oolaniiru.
Biyyoota Itiyoophiyaa fi Eeriitiriyaa keessatti nyaata baratama kan ta'e xaafiin amma immoo gara oomisha biiraatti jijjiiramuun isaa yaada haaraa waan ta'eef moggaasni 'addiis' jedhu kun isaarraa kan dhufe ta'uusa obbo Miikaa'el ni dubbatu.
Biirichi xaafii diimaa irraa kan hojjatame yoo ta'u hammi alkooliisaas %5.4 dha. Ammaaf biiraa gosa tokkoo qofa kan hojjatame yoo ta'u yeroo dhihoo keessatti immoo xaafii adiirraas biiraa gosa biraa akka gabaadhaaf dhiheessan karoorri qabameera.
Dhiheessiin xaafii biyya keessaa akka hin jiraanneefi oomisha xaafii isaanii qonnaan bultoota Ameerikaarra kan argatan yoo ta'u; fedhii lammiilee Itoophiyaa fi Eeriitiriyaa osoo hin tuqiin hojjachaa jiraachuusaanii ofitti amanamummaan dubbatu.
"Xaafii yoo biiraadhaaf fayyadamnu gatiin isaa ni qaala'a yaanni jedhu jiraachuu danda'a" kan jedhan obbo Miikaa'el halli sun garuu akka hin uumamne dubbatu.
Gara fuldurattis xaafii ofiisaaniitii facaasanii itti fayyadamuuf akka jiran karoora qabu.
Biiraan Xaafiirraa maaliif?
Itoophiyaan buna dabalatee oomishaalee adda addaa baal'innaan kan oomishitu ta'us hamma oomishite san irraa fayyadamtuu akka hin taane obbo Miikaa'el ni dubbatu.
Xaafiinis oomishoota biyyatti hedduminnaan oomishitu keessa tokko yoo ta'es akkuma bunaa fi oomishoota biroo hamma biyyattiin irraa fayyadamu qabdu osoo hin fayyadamin hafan keessaa tokko jechuun yaada isaanii jabeessuun dubbatu.
Abbummaa xaafii fudhachuu dorgommiin godhamu kan beekamu yoo ta'u asiin duras Itoophiyaan galmeesisuu dhabuun dhaabbatni Kaanaadaa tokko fudhachuu isaa ni yaadatama.
Daldala oonlaayinii idil addunyaan kan Amaazoon irratti lammiilee Ameerikaa xaafiirra bu'aa akka paastaa fi daabboo guulutan irraa bilisa ta'e gabaarra oolchuun irraa fayyadamaa jiru.
"Nuti oomisha biyya keennaarratti dafnee waan tokko itti hojjachuu hin beeknu, kan keenna ture jechuu malee. Nutis waan tokkoollee hojjannee hin darbinu yaada jedhutu waan kana akka hojjannu nu taasise," jedhu.
Biiraan Nugus xaafiirraa biiraa oomishuuf yaad-rimeesaa erga fide waggoonni saddeet yoo darban; waggoota sadii as hayyama baafatee gara hojii seeneera.
Kaampaannichi hamma ammaatti oomishni ittiin beekamu piriimiyeem kiraaft langaar yoo ta'u Meeriilaand, Diisii fi Varjiiniyaa dabalataan Niwu Yoork hayyamaasaanii kan xumuran yoo ta'u Boostan, Miiniisootaafi Joorjiiyam keessatti sochii jalqabaa jiru.
Waggoota hedduun biiraan kan oomishamu garbuurra yoo ta'u yeroo garagaratti biiraan danda'ama kuduraa qaban dhufuun isaanii fi biiraan Beeljiyeem gara gabaa dhufuun isaanii kaka'umsaa akka isaanii ta'e dubbatu.
Keessumaayyuu oomisha Beeljiyeem qamadii dabalatee biiraa burtukaaniirraa hojjatamu haala gabaa akka jijjiire dubbatama.
Haaluma kanaan qorannoo xaafiirratti godhuun xaafiirra yoo biiraa oomishan biyyaattiis ta'e xaafii addunyaaf beeksisuuf carraa guddaa akka ta'e itti amanuu ture kan gara hojii seenan.
Ta'us garuu oomishuun isaa salphaa akka hin turre kan dubabatan obbo Miikaa'el yaalii yeroo dheeraa booda milkaa'an.
Dhandhamni biiraa xaafii akkami?
Wantoota garagara fayyadamuun dhandhama barbaadamu fiduun akka danda'amu kan dubbatan obbo Miikaa'el biiraan furdate yookiin jabaate jedhaniin namoonni filannoo isaanii akka hin turre himuun amma garuu qal'isanii yookiin salphisaanii gabaarra kan oolcha ta'uu dubbatu.
Biiraa tokkicha doolaara 33 gurguramuun dursa kan qabate biiraan kun biiraa xaafii qabuu fi dhandhamni isaa akka hin dhabnees gochaa jiru.
Yeroo ammatti oomishni kun Ameerikaa qofatti kan gurguramu yoo ta'u, karooraa qabameen waggoota sadi booda gara Itoophiyaattis eerguuf akkasumas warshaa dhaabanii achiitti oomishuuf jedhu.