Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Falmiin waa'ee abbummaa Xaafii maalirra jira?
Guyyaa kaleessaa [Roobii] Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun dhiyeenya kan muudaman Obbo Fitsum Araggaa manni murtii araaraa idil-addunyaa Heeg, Neezarlaandis jiru mirga abbummaa Xaafii nama lammii biyya alaan qabamee ture haqeera jechuun fuula tiwiitarii isaanii irratti ergaa baga gammaddanii dabarsanii turan.
Ragaa murtee mana murtichaa agarsiisu maxxansa isaaniitti daranii kan mul'isan Obbo Fitsum, murtichi Itoophiyaaf injifannoo guddaadha jechuunis barreessaniiru.
Haa ta'u malee dhimmi kun Itoophiyaa waliin gonkumaa kan wal hin qabanne ta'uufi dhaabbilee biyya alaa lama jidduutti falmii adeemaa ture akka ta'e mana murtii araaraa Afrikaatti gorsitu seeraa kan taate Aadde Liyyuu Taammiruu BBC'tti himteetti.
Dhaabbileen kun lamaan faayidaa isaaniif jecha mana murtii wal dhaabani jetti aadde Liyyuun.
Manni murtii araaraa Idil-addunyaa Heeg jirus dhimma abbummaa Xaafii Itoophiyaan wal-qabatu quba hin qabu jechuun BBC'f deebii kenneera.
Neezarlaandis keessatti daakuu Xaafii qopheessuuf mirga abbummaa kan qabu dhaabbanni 'Ancient Grains' jedhamu, hayyama koo malee daakuu Xaafii omishaa jira jechuun dhaabbata biraa Beekals jedhamu himate.
Dhaabbanni Beekals jedhamu ammoo kalaqa addaa itti dabale hin qabu waan ta'eef abbuummaan Xaafii irratti 'Ancient Grains' qabu durumaa sirrii miti haqamuu qaba jechuun falme.
Wal falmii kanarratti hundaa'uunis manni murtii araaraa Heeg mirga abbummaa 'Ancient Grains' qabu haqeera.
Kana jechuun wayita ammaa kana biyya Nezarlaandis keessatti dhaabbannis ta'e namni dhuunfaa Xaafii irratti mirga abbummaa qabu hin jiru jechuudha.
Imbasiin Neezarlaandis Itoophiyaa jirus waan kana mirkaneessee jira.
Murteen mana murtii Araaraa idil-addunyaa Heeg kallattiin Itoophiyaa waliin wal-qabachuu baatus, tarkaanfii itti aanu Itoophiyaan fudhattuuf karra kan banu ta'uu danda'a jetti Aadde Liyyuun.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Biraanuu Tsaggaayee fuula tiwiitarii isaanii irratti murtichi Itoophiyaan kan wal-qabatu miti jechuun barreessaniiru.
Itoophiyaan mirga abbummaa ishee deebifachuuf himata banuuf qophii xumuraa jirtis jedhan Obbo Birhaanuun.
Mirgi Abbummaa Xaafii Neezarlaandis keessatti qaama biraa harka ture haa haqamu malee, biyyoota Awurooppaa kaan keessatti ammallee maqaa nama biraan galmaa'ee akka jiru ragaaleen ni mul'isu.
Biyyoota kanneen keessatti eenyu abbummaa Xaafii akka harkaa qabu ifatti wanti barame hin jiru.
Haa ta'u malee dhaabbanni waa'ee Xaafii irratti Itoophiyaan waliigaltee waliin qabdu 'Health and Performance Food International' jedhamutu maqaa dhahama.
Dhaabbanni kun ammoo wayita ammaa diigamee jira.
Namni hogganaa dhaabbata kanaa tureefi abbummaan Xaafii biyyoota kanneen keessatti maqaa isaatiin galmaa'ee jira jedhamu Jaans Ruuzjan ammatti direektara olaanaa dhaabbata biraa ta'ee hojjetaa jira.
BBC'n nama kana dubbisuuf yaalee itti hin milkoofne.