Morkii abbaafi ilmaa kutaa tokkoo haga yunivarsiitiitti

Sheek Kaamiil Aliiyyuu Qaasiim jedhanu. Haadha warraasaanii Addee Zahaaraa mahaammad waliin ijoollee jahaa kan nargatan yoo ta'u, barsiisaa yunvarsitiiti.

Barnootaa sadarkaa kanaarra kan qaqaban ammoo mucaasiin mana barnootaa galmeessisu deemanii achumaan akka tasaa ofiinis galmaa'un barnoota eegaluun. Harraaf keessumaa BBC taasifanneera.

Sheek Kaamiil ilmasaanii Ramadaan Kaamiiliin mana barnootaa galmeessu deeman. Achinis maaliifan ilma kiyya waliin hibarannee jechuun ofiifis galmaa'an. Waliin qubee lakkaa'uunis waliin yunvarsitii galan.

Sheeh Kaamil eenyuu? warri jettaniif

Gaasaraa Adarsootti dhalatanii kan guddatan Sheeh Kaamil Aliyyii Qaasim, ammaan tana jiraataa godina Baalee Gobbaati. Abbaan isaanii Fincila Qonnaan bultootaa Baaleetiin qabsaawaa akka turaniifi kannumaan akka wareegaman dubbatu.

Dirree Sheeh Huseeniittis Quraana qara'uun, achumatti amantaa Isalaamaa barsiisuu eegalan. Turees gara magaalaa Gobbaatti erga dhufanii booda ilmasaanii Ramadaan kutaa tokkoffaatti galmeessisuuf mana barnootaa Sadarkaa Tokkooffaa Tulluu Diimtiuu jedhamutti geessan.

Wayita sanattis manni barnootaa Tulluu Diimtuu hanga kutaa jaha qofa barsiisa ture jedhu Sheek Kaamil.

Attamiin barnoota eegalan?

Akkuma ilma isaanii galmeessisuuf mana barnootichaa gahaniin nama galmee raawwatuun, 'Ramadaan Kaamil jedhaa galmeessaa jedheen. Achiis anas Kaamil Aliyyiidhaa na galmeessaa jedhen,'' jechuun imallii barnootasaanii akkamitti akka eegale dubbatu.

Achiinis ''namni galmeessa ture 'ni kolfe' jedhu Sheek. Achiinis ''ani dhuguman jedhe, callisaatuma maqaa kiyyas na galmeessa'' jechuunan gaafadhe jedhu.

haa ta'u malee barsiisiichi qolfu itti fufan malee dhuguma man barnootaa galanii ilmasaanii waliin barachuuf jedhanii hin amanne ture. Sirriiyuu ''jedhaa amma hojii na hinhiiksisinaa booda wal aggarree waliin shaayii dhugna,' akka jedhaniin dubbatu.

Namni amantaa naannichatti kabajamoo ta'an kunis waan nan baradha jechuun barsiiftoota cimsanii qabaniif jecha qofaa itti olfaate galmeessaniin.

Akkasiin galmaa'uun kutaa tokko ilmasaanii waliin barachu eegalan! Kunis kan ta'e ALI bara 1993 ture.

Haa ta'u malee guyyaa barnoonni itti eegalamu kan isaan mudate bara jireenyaasaniittu hindaganne.

Wayita ilamsaanii waliin dabta qabatanii dallaa mana barnootaa keessa galan barsiisaa Alamaayyoon dallaa keessa turan. Barsiisichi Ingliffa akka barsiisaa turan ni beeku, Sheekiin.

'Ilam keessan fidanii dhuftanii Sheekii?' jedhaniin. Sheek Kaamil ammoo '' Eeyyeen ilma kiyya fidee, ofiifis barachuufan dhufe'' jedhaniin.

haa ta'u malee gara daree kan galan erga barattoonni hundi bakka teessumaa qabatanii barsiisaanis galee ture.

Ol seenuuf karra rukutan. barsiisaan daree keessa turanis ilmasaanii ol galchuun akak deeman itti himan. Shaak garuu 'lakkii anis galee barradha malee hindeebii'u jechuun waraqaa guyyaa itti galmaa'a kennameef itti agarsiisa.

'Akkam bultan barsiisaa!'

BBC:- Wayita gara kutaa seentaniitti dareen maal fakkaata ture?

Sheek Kaamil:- Kutaan daaraadha. Ijoollee daree gutan keessaa ana qofaatu hanga gaalaa gaha. Erga barsiisichi waraqaan ittiin galmaa'e arguun ol nagalchanii booda barattoonni ammoo ''"Akkam bultan barsiisaa? jechuun nagaa na gaafatan. (Kolfa) Isaan boodas naasuun guyyaa sana sahee yoomu nahee hinbeeku.

Anis naasuun mucaa Ibraahim jedhamuufi kannee irra ol dheeratu tokko biran dhaqee gara duubaa ilalladhee taa'e. Ijoollenis waan barsiisaan jedhu dhiisanii osoo duubatti garagaluun gara kiyya millatanu yeroon kutaa xumurame guyyaa sana.

BBC:- Yeroo boqqonnaatti eenyu waliin xabatu ture? Hirriyaa qabdu ture?

Sheek Kaamil: Hirriiyaan yeroo boqonnaatti waliin xabadhu hinqabu ture. Lagni Togonaa jedhamtu tokko jirti, achi dhaquun dhiqachuunan yeroo boqonnaa kiyya dabarsa.

BBC: Yeroo dare ispoortiitti ijoollee waliin kaachuu isiniitti hinulffaannee?

Sheek Kaamil: Akkuma beektu isportiin utaalchoo hindhabu. Kanaafu tokko gadi jedhe kan bira irraan utaala. Guyyaa tokkoos wayitan dabareen kiyya gahee akka mucaan birraa narraa utaalu gadi jedhu hindandeenye (kolfa). Mucichis narraan utaalu hindandeenye. Ittiin gudadhe, Barsiisaanis 'Gadi cisaafi Sheekii gadi ciisaafii' naan jedhe.

BBC: Ofii faaruu Oromiyaa jechu beektuu?

Sheek Kaamil: Eeyyeen 'Oromiyaa haadha seenaa guddaa...' jechuun farfadha kaa. Akkasiin farfachaa osoon guyyaa tokko yuniformii kiyya hindhiisiin, sirna hiriiraa irraa hindhabamiin, guyyaafadhee karra mana barnootaarra hindhaabbatiinan barumsa kiyya xumure.

Kana malees barsiiftuu muziiqaa Zarfee jedhamtu tokko na yaadachiifte. Isheenis daree keessatti sirba sirbisiisuun qabxii nuuf kennaa turte. Achi dabaren ana birra gahe. Ani ammo manzummaafi nashidaa maleesirban beeku hinqabu ture. Na bira taruuf jennaa lakkii barsiiftu nan sirba anis jedheen.

BBC: Sirbuuf jechuudhaa?

Sheek Kaamil: Eeyyeen qabxii 10 qaba bee. Isheenis 'jedhi' naan jette. Anis lafaa olka'een kan omaa hinbeekne 'Iyyaaseen iyyoosaa, yuusee taree.... jedhee itti fufe. Sirbi kunis naannichatti hawaasaan kan sirbamu yoo ta'u garuu walaloonsaa sirriin 'Iyyaaseen iyyoosaa kan foolinn shittoodhaa, siyaadeen marookoo' kan jedhudha.

Guyyaa sanattis barsiiftuufi barattoonni akkuma natty kolfaniitti kutaa xumuramee bane.

Morkii abbaafi ilmaa

Ramadaan Kaamil wal morkii abbaa isaa waliin taasisaa turan ni yaadata.

Wayita barnoota sadarkaa tokkooffaa barataa turanitti abbaan isaa dhuma irra taa'uun garuu sadarkaadhaan jalqaba ta'uun xumuran jedha. Innis 'ijoollummaan na qabateeti kan caalan' jechuun kolfaan ibsa.

Abbaafi ilmi waliin kutaa tokko keessatti barataa, waliin qo'achaa, waliin hojii manaa hojjachaa qormaataaf yoo taa'an, tokko tokko caaluuf alkanii guyyaa hojjataa akka turan dubbatu.

Erga qormaata kuttaa 8ffaa fudhachuun kutaa sagaliitti darbuun mana barnootaa Sadarkaa lammaaffaa Gobbaa galanii booda seenaan geedarame.

Ramadaan akka jedhaniitti, abbaan isaa hirriyyaa ummatan. Innis gamasaatiin hirriyaa argate. Yeroo sanas wal morkii caalaa cime.

''Ana eereegniifi fiziksiin dafee naaf gala. Abbaan kiyya ammo akkan isaan qayyabachisu na gaafatu. Amma akkan hubadheetti hobsa hinqabuun ture. Abbaan kiyya ammo 'kan ofii bartee nama biraatti himu hinjaalattuu? Jechuun kan wal caqacaqnu sana nan yaadadha,'' jedha.

Sheek Kaamil yoo ta'anis kutaa sagalii kaase tokkoffaa ilmisaanii Ramadaan qabachu ni dubbatu.

Guuyyaa tokkoos alkan osoo waliin qayyabachaa jiranu ijji Ramadaan hirriibaan dhabde. Sheekinis garaa abbummaa ta'ee 'hirribatu si qabee deemii rafii' jedhuun.

Ramaddanis tole jedhee gara bakka hiriibaa deeme. Millisaa gara sireetti yaa imalu malees qalbiinsaa morkii keessa waan jirtuuf 'suuta jedhe uffata alkanii ol kaasuun yoo ilaalu, abbaan taa'aanii qayyabataa jiru.

Isaan boodas jedha Ramadaan, akka dorgommichaa caalu waan yaadeef tufee jedhee siree irraa ka'uun bishaan saahinaa gutuun mila keessa kaawwate qayyabachu akka itti fufe yoomu hidagadhu jedha.

Sheek Kaamilis achi ka'uun qayyabate na caaluun darbeera jedhu.

Qabxii kutaa saddeetiin Sheekiin caalaniyyuu, kutaa 10 garuu Ramadaan qabxii 3.6 yoo fidu Sheekiin ammo 3.4 fidanii akka ture dubbatu.

Erga gara qophaa'inaatti akka darban baranii boodas ta'uun waliin mari'atan. Mariichis akkas kan jedhu ture: ''mana tokkichaa gosa barnootaa walfakkaatu barachuurra ani saayinsii hawaasummaa, ati ammo saayinsii umamaa haa qorannu'' kan jedhu.

Mariisaaniis milkaa'ee mana baruumsaa Qophaa'inaa Baatu yoo galan akkuma waliin marii'atan kutaa barnootaa adda addaa baratan. Boodas qabxii yunivarsitii galchu waan argataniif Sheek Yunivarsitii Madda Walaabuutti yoo ramadaman, Ramadaan ammo Yunivarsitii Arbaa Mincii qaqabeen.

Achittis Sheekiin gosa barnootaa 'Management' yoo qoratan, Ramadaan ammo 'Hydraulic Engineering' barate.

Ofii atis Sheekiinis yunivarsitii barataa, akka barataatti maallaqa naaf eergaa jechuun kan bilbilattu eenyutti ture? Sheekiidhu biratti? Jechuun gaaffii dhiyeessineefi Ramadaan kolfaa ''Taadaa eenyuuttiin bilbiladha? Haatii kiyyaa eessaa futii,'' jechuun abbaansaa barataa akkasunas masijiida keessa tajaajilaa galii xiqqoo argatan isaafi maatiif qoddaa attamiin akka baratan yaadata.

Bara 2007tti wayita abbaan Madda walaabutii heebbifamatti, Ramadaan ammo waggaa lamatu hafa ture. Sheek barnoota yunivarsitiin qabxii olaanaa waan fidaniif achumatta hafanii digriisaanii lammaaffaa akka baratan taasifaman.

Isaan booda bara 2009tti, Sheekiin yoo digriisaanii lammaffa xumuran Ramdaan dirgriisaa jalqabaa xumure. Sheek Kaamilis uffata heebbaasaanii qabachuun yunivarsitii Arbaa Miniciitti akka hebisiisan yaadatu.

Ammaan tanas Ramadaanis ciminuma abbaa isaa hordofuun digiriisaa lammaaffaa barachuun waraqaa heebbaa barreessaa jiraachu BBC'tti himeera.

Abbaafi Ramadaan haala akkasiin wal dorgomaa barachusaaniin ijoolleen hafan illeen cimusaanii ni dubbatu.

Sheekiin haatii warraasaanilleen akka barataniif jajabeessan illeen kutaa jahaan ol darbuu akka hindandiin dubbatu.

Ramadaanis waa;ee hadhasaa ''Osoo haatii keenya kiraachu baattee bakka harra geenye kana hingeenyu turre. Yeroo hundaa abbaa kiyyaan ishee filachuuf siin galateeffadhan jedhaan,'' jedheera.

Ragaa bahuumsa Abbaa Xibabuu Qumilaa

Sheek Kaamil fi Abaa Xibabuu hirryyaa waliiti. Abbaa Xibabuun batasikaana Gobbaa Qidus Uraa'etti tajaajilu. Kan wal baranis lamaanu akka abbootii amantaatti tibba wal arganiitti.

Sheek Kaamilis ofii barataa hirriyyaansaanii waan hinbaranneef waan gaddaniif jecha 'Abbaa barumsa barattanii jirtu?'' jechuun gaafatu. Abban garuu maaliif jechuu akka aaranii turan ni yaadatu.

Osoon hibaratiinattamiinan abbaa amantaa ta'ee jechuun gaaffii kaasan abbaa Xibabuutiifis ''barnoota afuraa osoo hintaane, barnoota idile jechuu kiyya jedhaniin Sheek Kaamil.

Lakkii isalleen hinbarannee jennaan, Sheekiin dabtaraafi peennaa bituufiin mana Barnootaa Urjii Bariisaa jedhamutti akka galmeessisan ni yaadatu.

Wayita ammaa kanattis Kolleejji Innaat jedhamuufi Gobbaatti argamutti gosa barnootaa 'Information Technology'n barataa digirii waggaa lammaffaa kan ta'an Abbaa Xibabuun, olamaa Sheekiin olaniif dubbatanii hinquufan.

Ani ABCD lakkaa'e nag aha osoon jedhu, haammilee Sheekiitiin baradhee kan jedhan Abbaa Xibabuun, waan Afaan Oroomoo hinbeeknefu bakka jiran dhaquun qo'achiisaa akka turan dubbatu.

Sheekii Huseen Hiifanuu kan caqasan ammo Sheek Kaamiliidha. Isaanis Sheekiin ilaaluun baratanii kutaa afur gahunsaanii warra kaaniif haamilee ta'eera jedhu.

Sheek Kaamil Digiriisaanii sadaffaa (phd) hojjachuuf yaada akka qaba dubbatu. Carraan argamnaan hindabarsuu, kutannoo qaban BBC'tti himaniiru.

Ofii umuriin keessa meeqa? Gaafii jedhuu, 'shatama hinta'u jeteetii?' jechuun gaaffiin deebii nu kennan.

Nutis umurii dheeraafi fayyaa hawwineefirra!cho