Miseensi poolisii matta'aa qarshii kuma 40 hin fudhadhu jedhe kennaa argate

Mummee Saajin Siiraaj Abdallaa Naannoo Affaar Zonii tokko aanaa Eliidaa'ar ganda Maandaa jedhamu keessatti ogummaa poolisiitiin tajaajilaa jira.

Saajiin Siiraaj ogummaa poolisummaan hojjachuu erga eegalee waggaa tokkoo qofa ta'u dubbata.

Naannichi daangaa ta'usaatiin walqabatee dadabarsi meeshaalee seeraan alaafi kontirobaandii kan itti baay'atu ta'uu turtiisaa keessatti akka hubate dubbata.

Haaluma kanaanis Kamisa darbe Fuulbaana 19, 2019 halkan keessaa naannoo sa'aatii shanii keessa konkolaataan tokko duwwaasaa darbuuf yoo yaalu arga.

Wayita sanattis isa dabalatee poolisoonni hojiirra turan afur yoo ta'an gara daandiitti kan siqe isa qofaa ture.

Daandii cufuunis konkolaatichi akka dhaabbatuuf ajaja kenneef.

Konkolaachisaanis haaluma ajajameen konkolaataa dhaabe.

Konkolaataa keessa garuu konkolaachisaan alattis gargaaraa fi abbaa qabeenyaa ta'uun kan himane namoonni biroonis turaniiru.

Halkan kanaan osoo fe'umsa homaa hin qabatiin maaltu isiin deemsisaa? jechuun gaaffii itti ta'e saajinichatti.

''Eddoonsaa adda waan ta'eef konkolaataa lolltootaatiin alatti kan biraa baayyee achiin hin darban ture'' jechuun sababii shakkuun itti umameen hima Saajiin Siiraaj.

Kana malees dursee eeruun ummataa akka isa qaqqabe dubbata.

Isaan boodas baatirii ibsachuun konkolaaticha sakatta'uu eegale.

Shakkiinsaas dhugaa ta'ee joniyaa gommaa konkolaataatiin olitti hidhame argata.

''Kun maaliidha? jechuun gaafata. Jarris ''Nuti wanti beeknu hin jiru' jechuun deebii kunnuufi. garuu sakkatta'insaan qawwee kilaashinkoov 29 ta'u erga adda baaseen booda gara buufata poolisiitti akka deemaniif ajaja kennaaf.

Isaan garuu qawwee tokkoofi qarshii kuma 40 kennuufiif gaafatan.

Isa booda qarshii kuma 40 isaan kennaniifis walumatti qabachuun to'annaa jala akka olfaman taasiseera.

''Birriin kuma 40 fi qawweetokkoo nageenya biyyaa hincaalu,'' jechuunis sababiisaa hima. Saajiin Siiraaj muxxannoo hojii gabaabduu kana dura qabuunis haalli akkasii isa mudate akka hinbeekne hima.

Erga oduun kun dhagahameen boodas waa'een Saajiin Siraaj ballinnaan dubbatu eegale. Isaan boodas Minitirri Mummee Dr Abiy Ahimad waajjira isaanitti waamuun waraqaa ragaa kennuun galateeffataniiru.

Ministira mummee dhisee eenyurraayyuu galata nan argadha jedhee yaade kan hinbeekne Mummee Saajin Siiraaj badhaasichi gammachuufi kaka'umsa akka itti umee hima.

''Dhimma akkasi callifne bira darbu akka hinqabaannee tibba leenjii keenyattis waan waadaa itti galleedha'' jechuun ittigaafatamummaa oggummaa fi nageenya ummataafi biyyaa eegsisuu akka ta'e dubbata.

Motummaan naanichaas miseensa poolisii kanaaf qarshii kuma 50 kenneefiira. Komishiniin poolisii naannichaa guddina mummee Saajinii akka kenneef Komishinarri Komishinii polisii Naannoo Affaar Alii Biinii BBC'tti himaniiru.

''Birri kuma 40 kennuufii turen garuu ni didee jennee pirezidaantii naannichaatti himnaan, isaan ammoo kan caalu kenniinaaf jechuun kuma 50 badhaasan,'' jechuun attamiin akka badhaafame himan.

Komishinaricha akka jedhanittis, Addi Bure bakki meeshaan kun itti to'atame kun daangaa waan ta'eef dadabarsi namootaa seeraan alaa, daldala kontrobaandii fi meeshaalee ni mudatu.

Sababii kanaatiifu miseensoonni keenya to'annaasaanii cimsuun akka taasisaniif hubannoon kan itti kennameedha. Waan kana ta'eefu eeruu ummata irraa isaan qaqabeen osoo maallaqaan hin gowwomfamiin dadabarsitoota meeshaa waraanaa seeraan alaa kanneen to'annaa jala olchu danda'eera.

Haaluma kanaanis MM biyyattii Dr Abiy gumaata miseensi poolisii kun olaantummaa seeraa akabachisuuf taasiiseef waraqaa ragaafi meedaaliyaa warqee badhaasaniiru.

Poolisiin Federaalaas akkasuma waraqaa ragaafi bilbila mobaayilii badhaaseera.

Itti dabaluunis, Mummee Siaaji Siraaj bakka itti hojjatuut injifannoo biraa akka galmeessu abdii qabna jedhaniiru komishinarichi.

''Wayitan konkolachisaa dubbiseetti 'konkolaatichi duwwaa waan tureef sakkatta'insii cimaan nurratti hintaasifamu' jechuun akka dhaabbatu yoo itti himamu akka dhaabbatte natti humeera'' jechuun baqachuu yaalii akka hintaasifne komishinarrichi kan dubbatan.

Achumaanis poolisoonni eegumsarra turan kan biraafi hawaasni naannichaa walta'insa taasisuus ni himu.

Namoonniifi konkolaachiftoonni dadabarsa meeshaalee seeraan alaatiin shakkaman kunneen komishinii poolisii naannoo Afaar turuun qorannoon irratti gaggeefamaa akka jiru komishinarrichi himaniiru.

Baatii tokkoon duras naannoodhuma sanatti konkolaataan tokko keellaa 'Sardo' jedhamu cabsuun darbee Loogii irratti akkuma meeshaalee waraanaafi xiyyiitii hedduu fe'eetti to'atamunsaa ni yaadatu.

Miseensi poolisii matta'aa fudhachuun shakkamee hanga ammaatti to'annaa jala olfame jiraachu baatulleen, namoonni seeraan ala hojjattan poolisoota karaa adda addaatiin itti dhiyaachuun waan hinolleef malaamaltummaan jiraachu mala jedhanii akka shakkan Komishinarri kun ni dubbatu.

Haa ta'u amlee poolsiin naannichatti osoo matta'aa fudhatu to'atame tokkoolleen akka hinjirre ibasniiru.