Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltuun Naayijeeriyaa doolaara 41,500 lafaa argee abbaatti deebise guddina argate
Miseensi Humna Qilleensaa Naayijeeriyaa tokko boorsaa doolaara 41,500 (birr miliyoona 1.1 ol) lafaa argate waan abbaaf deebiseef guddinni sadarkaa lamaa kennamef.
Loltuu Baashir Umar osoo hirriyyoota isaa kan biraa waliin naannoo buufata xiyyaaraa bulchiinsa Kaabaa Kaanootti eegumsarra jiru ture maallaqicha kan lafatti arge.
Isaan boodas bilbila qabduu maallaqichaarratti barreeffamee tureen bilbiluun maallaqicha abbaaf deebise.
Gocha amanamummaa raawwate kanaanis sadarkaa guddinaa silaa waggoota 10 itti fudhachu danda'u badhaafame.
Akkasumas xalayaan galataa kennameefiira.
Sirna kaleessa (Kamisa) badhaasni kun kennameefiirratti qondaalli olaanaa Humna Qilleensaa Saadiq Abubakar akka jedhaniitti 'Obbo Umar maallaqicha abbaaf deebisuun naamusa amanamummaa hinbaramin agarsiiseera,'' jedhaniiru.
Jalqaba torbaniittis Pirezidantiin biyyattii Muhaammadu Buhaarii ''keessattuu dargaggoonni gocha Umar akka hordofaniif'' waamicha taasisuu isaanii Dubbi Himaan Piresidantichaa eereera.
Kana dura biyya Itoophiyaa magaalaa Baahirdaaritti barsiisaan dogongoraan qarshiin miiliyoonni tokko kennamef deebisuun isaanii ni yaadatama.