Boorana aanaa Areerootti maaltu uumame?

Sanbata darbe Godina Booranaa aanaa Areerootti konkolaataan qaamoleen nageenyaa ittiin imalaa turan haleelamuun namoonni shan ajjeefaman.

Bulchaan aanaa Areeroo Obbo Kiyyaa Diidoo guyyaa sana namoota haga ja'aatu konkolaataa sanaan imalaa ture jechuun BBCtti himaniiru.

"Konkolaataa sanarra barataa tokko, poolisii Oromiyaa kan konkaachisaa tureefi miseensota raayyaa ittisa afurtu keessa ture," jechuun namoota konkolaata hidhattootaan haleelame keessa turan ibsaniiru.

Gareen haleellaa kana raawwates karaa irratti bakka daandiin hamtuu ta'etti eeguun tarkaanfii sukkanneessaa kana fudhatanis jedhaniiru.

Qaama tarkaanfii kana fudhachuun shakkaman yeroo ibsanis "shiftaa yookan kanneen ABO ofiin jedhu, humnootii shanee jedhamtutu raawwate" jedhu.

Tarkaanfii kana kan fudhate garee kana ta'uu maalin mirkaneeffattan jechuun gaaffii Obbo Kiyyaaf dhiyaateen ''Akki itti shanee ta'uu beekne, jalqaba Liibanirraa yeroo kaatu aanaa keenya ganda Alluu iddoo Ludditti jedhaniin garas jiraachuu ummanni eeruu nuuf kenne.

Kanumarraan qaamni nageenyaa duuka bu'e. Fuula ummanni qubate Luudditi jedhamu kanatti ummata saamani," jechuun ibsaniiru.

Saamicha kanaan boodas jiraattonni naannoo sanaa waa'ee namoota saamicha raawwatan kanaa bilbilanii nutti himani jedhu.

Namoonni saamichi irratti raawwatame kunneenis bilbilanii qaama hidhate kan lakkoofsi isaanii 40 hanga 60 ta'u nu saamanii garas oldarbaniiru jedhanii himaa akka turuus ni dubbatu.

Gama biraatiin, aanaa Dubulluqitti namni to'annoo jala oole tokkoos haleellaan kun qaama shanee jedhamuun kan fudhatame ta'uu ragaa agarsiisu eereeras jedhu.

"Aanaa Dubulluqitti namni qabame wayii jira. Namni qabame kunis 'humna sana keessaa Areerootti tarkaanfii fudhanne, nama haga 20 ta'utuu tarkaanfii fudhate, kudhan kudhaniin fuula lamaan gargar baanee baqanne' yaada jedhu kennuus himaniiru.

Namoota haleellaa kanaan du'an shan keessaa tokko barataa yoo ta'u, konkolaataa karaa imalaa ture kana karaarratti kadhatee yaabbate jedhaniiru.

Halleellaa kanaan walqabatees namoonni shakkaman 11 to'annoo jala oolfamusaanii Obbo Kiyyana BBC'tti himan.