Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jastin Tiruudoo: Suuraa fuula gurraacha MM Kaanadaa bara 2001 ka'an
MM Kaanadaa Jastin Tiruudoo sagantaa irbaataa waggoota 20 dura qophaa'ee ture tokkorratti nama gurraacha of fakkeessuun suuraan ka'an barruu Time irratti maxxanfame.
Ergasii booda miidiyaaf ibsa kan kennan MM Tiruudoo gocha isaanii sanatti "daran gaabbuu" fi "akkas gochuun narra hin turre" jechuun dubbatan.
Mana barnootaa 'West Point Grey Academy' jedhamu keessatti barruu waggaa waggaan qophaa'uuf suuraa ka'an kanarratti 'make-up' ykn dibata bifa namaa jijjiiru fuulaa fi harka isaanii dibatanii mul'atan.
Gochi isaanii kun jibba sanyummaa ykn gurraachota irratti qoosuudha jedhamuun qeeqni jabaan irratti ka'eera.
MM Tiruudoonis gochichi sirrii akka hin taanee fi loogii sanyummaa ykn 'racism' ta'uu hin haalle.
"Yeroos barsiisaan ture, sagantaan irbaataa sun yaada 'galgala komediyaanota' jedhuun qophaa'e, anis taatoo Alaaddiin jedhamu fakkaadhe dhiyaachuuf akkas godhe."
"Yeroo jibba sanyummaa ta'a jedhee hin yaadne, garuu sirrii akka hin taane baruun narra ture" jechuun dhiifamas gaafataniiru.
Bara durii taatonni adiin Ameerikaa fuula isaanii gurraachessanii warra gurraacha akkeessuu fi itti qoosuun hojjetu turan.
Sababa kanarraa kan ka'e gochi kun akka jibba warra gurraachaatti kan ilaalamu.
Kanneen qeeqa irratti kaasan keessaa hoggantuun paartii mormitu Elizaabeet Meey ishee tokko.
MM Jastin Tiruudoo Onkoloolessa dhufu irra deebiin filatamuuf duula na filadhaarra jiru.
Maarree namootni siyaasaa fi mormitoonni gochi isaanii kun nama gahumsa biyya bulchuu qabu akka hin taane mul'isa jechuun qeeqaa jiru.
Gariin ammoo gocha isaa hubatee dhiifama gaafachuu isaa kan dinqisiifatanis hin dhabamne.