Teekinooloojii: Atakaaroo tajaajila taaksii Raayid fi Biiroo Geejjibaa Finfinnee

Loogoo tajaajila Taaksii Raayid

Madda suuraa, @rideEthiopia

Tajaajilli taaksii Raayid qajeelfama haaraa Abbaan taayitaa Geejjibaa magaalaa Finfinnee baase komate.

Raayid wayita amma teeknooloojiin deeggaramuun magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila taaksii kennaa kan jiru yoo ta'u, namoonni bilbilaan ykn app mobaayilii isaaniirra jiruun taaksii waammatan bakka fedhan deemu.

Tajaajila taaksii addunyaa biraa keessatti daran baramaa ta'e kana gara Finfinnee kan fide Raayid gatii taaksiiwwan idilee caalaa xiqqaa ta'een tajaajiluun namoota hedduu biratti filatamaa akka ta'u taasiseera.

Abbootiin konkolaataa tajaajila kana kennuu barbaadan dhaqanii galmaa'anii hojjechuu danda'u.

Amma dura gabatee konkolaataa gosa fedhaniin kan dalagaa turan yoo ta'u qajeelfamni haaraan bahe konkolaatotni koodii sadii akka hin hojjenne dhorkeera.

Komiin Raayid qajeelfama kanarraa qabu kana qofa miti jetti hundeessituun Raayid Aadde Samraawiit Fiqiruu.

Raayid Ministeera Teeknoloojii fi Inooveeshinii irraa eeyyama baasee hojjechaa jira.

Qajelelfamni haaraan kun ammoo Biiroo geejibaa magaalaa Finfinnee irraa eeyyama akka baasan gaafata.

Qaama lammaffaa irraa eeyyama biraa baasuun maaliif barbaachise jechuun gaafatti.

Saamiraawwit kan hojjechaa jirru damee teeknoloojii irraatti waan ta'eef eeyyama baasuu kan qabnu qaamuma damee kanaaf eeyyama kennu irraa ta'uu qaba jetti.

Itti Gaafatamaan Biiroo Geejibaa magaalaa Finfinnee Dr. Salamoon Kidaanee ammoo Ministeerri Teekinoloojii fi Inoveeshinii eeyyama kennuuf itti gaafatamummaa hin qabu jedhan.

"Ministeerichi eeyyama kennuu kan danda'u akka teeknooloojichi hojiirra ooluufidha. Kalaqichi kan isaaniiti yoo tahe mirga paatentii kennuu danda'a," eeyyama daldalaa kan kennu garuu biiroo isaanii ta'uu himu.

Taaksii Laadaa magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Warreen Taaksii Laadaa jedhaman 'hojii keenya nujalaa hate' jechuun Raayid komatu

Koodii gabatee konkolaataan wa qabatee abbaan konkolaataa tajaajila taaksii kennuu barbaadu kamuu biiroo geejjibaa irraa koodii gabatee lakkoofsa tokko baafachuu akka qabus dubbatu.

"Koodii 1 kan kenninu hordoffiif akka toluufidha. Dhaabbileen tajaajila taaksii elektiroonikii akka Raayid ammoo konkolaatota koodii 1 fudhatan hordofuu akka dandeenyu, akkasumas siistama isaanii ilaaluu akka dandeenyu nu waliin walii galu," jedhan.

"Waliigaltee kana hin mallatteessu kan jedhu gabaa dhabuu isaati" jedhu Dr Solomon.

Biirichi sistama keessan akka ilaallu nuuf hayyamuu qabdu jechuun ammoo Raayid biratti shakkii biraa uume.

Gaaffii Daataa Beezii

Raayid yeroo tajaajila taaksii kennu eenyummaa nama taaksii waamee, waa'ee konkolaachisaa, imallis eessaa garamitti kan jedhu kuusaa odeeffannoo ykn daataa beezii qaba.

Kuusaan odeeffannoo kun wayita ammaa teessoon isaa Ameerikaadha.

Raayid daataa beezii ykn kuusaa odeeffannoo kana ilaaluu akka danda'uu (read only access) fi iddoon inni taa'uu qabus Itiyoophiyaa keessa akka ta'u biiroon Geejjibaa Finfinnee kan gaafate.

Samraawiit akka jettutti kuusaan odeeffannoo kun Ameerikaa kan ta'eef Itiyoophiyaa keessa intarneetiin jabaan barbaachisuu fi misoommawwan bu'uraa biroo guutanii waan hin jirreefi.

Kuusaa odeeffannoo kana Ameerikaa godhachuun tajaajila qulqulluu akka kennan isaan gargaaruu dubbatti.

Dhaabbatichi ammayyuu addaan ciccituu ibsaa fi neetwoorkiin miidhamaa akka jiru himuun osoo misoomawwan bu'uuraa barbaachisan hin guutamiin as biyya keessa haa dhufu jechuun hin danda'amu jette.

Itti dabaluunis odeeffannoo dhuunfaa namoota Raayid fayyadamanii fi kanneen Raayid waliin hojjetanii dabarsanii Biiroo Geejjibaaf kennuun sirrii akka hin taane dubbatti.

"Raayid dhaabbata dhuunfaa waan taheef odeeffannoo namoota dhuunfaa dabarsee qaama sadaffaaf kennuuf qajeelfamni dirqisiisu hin jiru" jette.

Odeeffannichi barbaachisaa tahee yoo argame ajaja mana murtii qabatee qaama dhufeef Raayid kennuufii danda'a jette.

'Nageenya Biyyaa'

Hogganaan Biiroo Geejjibaa magaalaa Finfinnee Dr Salamoon Kidaanee garuu daataa beezii nuuf kennaa hin jenne. Qajeelfamichi kan jedhu biyya keessa haa ta'udha jedhan.

Odeeffannoon namoota dhuunfaa Itiyoophiyaatii ala akka hin baanedha kan gaafanne jedhan.

Namni tokko yeroo bakka tokkoo gara bakka biraatti socho'u odeeffannoon isaa kan biyya keessaa bahu yoo tahe nageenya isaa rakkoo irra buusuu danda'a jedhan Dr Salamoon.

Odeeffannoo lammilee biyyaa qaama biyya alaa jiruuf dabarsanii kennuun nageenya biyyaa waliinis wal qabata jedhan.

Miisommawwan bu'uura guutamuu dhabuu ilaalchisee komiin ka'e quubsaa miti jedhan.

"Ammas taanaan kanuma jiruun tajaajila kennaa jira. Kun daataa beezichi biyya keessa akka hin galleef waan sababa tahu miti," jedhu.

Raayidii fi biiroon geejjibaa wal dhabdee keessa erga galuu eegalanii kun kan jalqabaa miti.

Kanaan duras kantiibaan magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa gidduu galanii murtee kennuun ture dubbichi kan qabbanaa'e.

Aanga'oota mootummaa akka Komiishinara Invastimantii Itoophiyaa Obbo Abbebe Abebaayyoo dabalatee namootni beekamoo hedduun qajeelfama biiroon geejjiba baase mormuun Raayid waliin jirra jedhanii twitter irratti barreessaa turan.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Dargaggoonni teeknooloojiitti fayyadamanii hojii akkasii uumanii nama kaaniifis carraa uuman jajjabeeffamuu malee seeraan ittifamuu hin qaban jedhu namoonni hedduun.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Taakkala Uumaas garuu gara twitter as bahuun Raayid namni hojii dhorke hin jiru jechuun barreessanii turan.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Nuyi kalaqa ni jajjabeessina, ni deeggarra haa ta'u malee nageenya uummataafis akkasuma qixa yaaduun barbaachisaadha jedhan.

Ammaaf Raayid fi biiroon geejjibaa Finfinnee maalirratti akka waliigalan ifa ta'uu baatus hundeessituun Raayid Samraawiit Raayid akkuma duraanii tajaajila kennaa jiraachuu barreessiteetti.