Finfinneetti sagantaan misooma manneenii haaraa eegaluuf

Madda suuraa, Addis mayor's office
Manni Maree Magaala Finfinnee ya'ii isaa idilee har'a gaggeessuu eegaleen sagantaan misooma manneenii haaraan eegaluufi akka ta'e beeksise.
Mana marichaaf gabaasa raawwii bara 2011 kan dhiyeessan Itti-anaa kantiibaan magaala Finfinnee Injinar Taakkala Uumaa rakkoo mana jireenyaa jiaattota magaalattii furuuf sagantaan misooma manneenii haaraa akka eegalamu himan.
"Kanaafis, lafti hektaara 1,500 ni qophaa'a, dhaabbileen damee dhuunfaas irratti hirmaatu," jedhan.
Hojiilee ijoo bulchiinsi magaalichaa bara darbe hojjete yeroo himanis, magaalattii keessatti iddoowwan waggoota hedduuf osoo hin misoomiin turan bakkawwan 25,000 kan bal'inni isaanii hektaara 600 ta'u baankii lafaa mootummaatti galii ta'uu dubbatan.
Hordoffiifi lakkaawwii manneen jireenyaa bara 2011 keessa taasifamen, manneen gandaa seeraan ala namootaan qabamanii turan 3,000 namoota harka qalleeyyiifi maanguddootaaf akka kennamu taasifameeras jedhan.
Kana malees, baruma darbe kana lammiilee 163,000'f carraan hojii uumamuusaa kan himan Ittiaanaa Kantiibaa Taakkalaa Uumaa, bara 2012tti jiraattota magaalattii 250,000'f carraa hojii uumuuf akka hojjetan himaniiru.
Sochii daldalaa magaalatiif rakkoo ta'ee kan jiru daldala seeraan alaa gama hir'isuutin daldaltootni seeraan alaa 13,000 gara hojimaata seera qabeessaatti akka galan taasifamaniirus jedhan.
Itti-aanaan kantiibaa Taakkala Uumaa yeroo garaagaraatti jiraattota daandii gubbaa gara jireenya fooyyeetti deebisuuf waamicha dhiyeessaa turuun isaani kan yaadatamu yemmuu ta'u "bara kana daa'immaniif dargaggoota daandii gubbaa jiraataa turan 10,000 daandiirraa kaasuun kaawwan leenjii ogummaa akka argatan kaawwan immoo maatii isaanii walin akka makaman ta'eera," jedhan.
Tola-ooltummaafi yakka
Bara 2011 keessa hojiin tola-ooltummaa birrii milliyoona 100ti tilmaamamu hojjetamuusaa kan himan Injinar Taakkalaan, magaalattii keessatti manneen harka qalleeyyiifi maanguddootaa heddu haaromsamuu isaanii himan.
Hojiin tola-ooltummaa kun hawaasa magaalichaan aadeffatamaa akka jirus dubbatan.

Gama biraatin, daddabarsi maallaqaa/doolaara/ seeraan alaa, daddabarsi meeshaa waraanaa, boba'aa kuusanii dhoksanii gurguruufi saamichi doqdoqqeen raawwataman rakkoolee nageenyaa ijoo magaalatti ta'anii turuu isaaniis himan.
Hojii gama seera kabachiisuun hojjetameen, keessattuu ittisa doqdoqqeewwan irratti taasifamen saamichi magaalattii keessatti hir'achuusaa dubbatan.
"Jiraattota 200,000 waliin wal agarree mari'anneerra"
Rakkoolee bulchiinsa gaariifi kunneen biroo kan magaala Finfinnee keessatti mul'atan furuuf jiraattota magaalattii walin mariiwwan taasifamaa turutu himame.
Haaluma kanaan, "bara darbe jiraattota magaalattii 200,000 waliin kallattiin wal agarree mari'anneerra," jedhan Injinar Taakkalaan.
Dabalataan rakkoolee kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee mootummaa keessatti mul'atan furuuf hojiin labsiileefi qajeelfamoota fooyyeessuuf hojjetamuusaa dubbatan.
Kana malees, tajaajila si'ataa hawaasa biraan gahuuf hojjettoota 100,000 ta'anif leenjin dandeettii cimsuu kennameera jedha.
Yaa'iin mana marichaa guyyoota lamaaf kan turu yemmuu ta'u, wixinee karoora hojii bara 2012 raggaasisuun akka xummuramu eeggama.














