Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni fincaanii Warqii masaraa keessaa hatame
Teessumni mana fincaanii abbaa Warqii kaaraatii 18 Ameerikaa jedhamu, UK masaraa Bileenheeyim keessa ture hatame.
Akka poolisiin jedhutti masaraa iddoo Oksifoordishaayar jedhamu kana cabsuun hojiin aartii kun kan hatame.
Teessumni mana fincaanii moggaasa Ameerikaa jedhamu qabu kun tajaajila kennaa ture. Namoonni masaraa sana daawwatanis akka itti fayyadaman afeeramaa turan.
Meeshaan kun amma yoonaa hin argamne garuu namtichi umurii ganna 66 tokko hanna teessuma mana fincaanii kanaan qabamee hidhameera.
Teessumni mana fincaanii warqii irraa hojjetame kun hatamuun dhangala'aan mana keessa akka yaa'u gochuun badii biroo geesise jedhe poolisiin.
Agarsiisa hojilee aartii nama lammii Italii Mooriziyoo Katelaan Kamisa baname waliin ture agarsiisaaf kan dhiyaate.
Ammaan duras Ameerikaa Niiwu Yoork keessatti Godambaa Gagenhaam jedhamu keessatti agarsiisaaf dhiyaatee ture.
Masaraan Bileenheeyim meeshaan kun keessaa hatame jaarraa 18ffaa keessa ijaarame, bakka Wiinistan Charchil itti dhalatan yoo ta'u hambaa addunyaa ta'ees galmaa'ee jira.
Namoonni masaraa kana daawwatan daqiiqaa sadi kennamteef keessatti akkuma warra dur keessa jiraachaa turaniitti waan fedhan fayyadamuu danda'u.
Daqiiqaa sadi qofa kan ta'eef namni hedduun waan jiruuf hiriira hambisuufi.
Hanna teessuma mana fincaanii Warqii irraa tolfame gatii jabeessa ta'e agarsiisarra ture kana hattoonni konkolaata lama fayyadamuun hatuu hin oolle jedhe poolisiin.