Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaa Naannoo Oromiyaa: 'Qaama seeraan ala hidhatee socho'u ni dhabamsiifna'
A.L.I bara 2012 qaama seera qabeessa ta'ee fi qaama mootummaan alatti qaamni biraan hidhatee naannoo Oromiyaa keessa akka hin sochoone akka hojjetu mootummaan naannoo Oromiyaa hime.
Dhimmoota ijoo mootummaan naannichaa fi paartiin naannicha bulchaa jiru ODP'n bara 2012 keessa irratti xiyyeeffatanii hojjetan ilaalchisun dubbi himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Admaasu Daamxoo biiroo isaaniitti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Guyyoota shanan darbaniif hooggansi sadarkaa federaalaa, naannoo, aanaalee fi naannolee ollaa irraa dhufan walumaagalatti namootni 2038 Adaamaatti mari'achaa turuu himan Obbo Admaasuun.
Dhimmi nageenyaa dhimma mootummaan naannichaa adda durummaan irratti hojjetudha jedhan Obbo Admaasun.
A.L.I bara 2012 qama seera qabeessaa ta'ee fi qaama mootummaan alatti qaamni biraan meeshaa waraanaa hidhate kamiyyuu Oromiyaa keessa akka hin sochoone ni taasifna jedhan.
"Qaama olaantummaa seeraa cabsu seeratti ni dhiyeessina. Oromiyaa keessatti seera cabsanii jiraachuun akka hin danda'amne bara itti mirkaneessinudha" jechuunis himan.
Komii hidhamuu miseensotaa fi deeggartoota paartiilee morkattootaa biraa ka'u kan gaafataman Obbo Admaasun "wanti kanaan dura hojjetamaa ture hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuuti" jedhan.
Qaama nageenya booressu kamiyyuu mootummaan naannicha fuldura akka dhaabbatus himan.
Nageenya kabachiisuun walqabatee "qaama nageenyaa gahaa qabna" kan jedhan Obbo Admaasun "bara 2012'tti humna nageenyaa haaraa leenjisuun hojiitti ni galchinas" jedhaniiru.
Dhimma Filannoo...
Filannoo bara 2012'n walqabatee filannichi yeroo qabameef keessatti akka adeemsifamu mootummaan naannichaas ta'e ODPn fedhii qabu jedhan.
"Adeemsi filannoo dimokiraatawaa ta'uu mirkaneessuu fi filannichi rakkoo nageenyaa malee akka adeemsifamuf ni hojjetamas" jedhan.
Uummatni filannicharratti haalaan akka hirmaatuf akka hojjetamu fi qaamolee seeraa fi heera eeganii hojjetan waliin hojjechuuf mootummaan naannicha qophii ta'uu himan.
Gama biraatiin sa'aa saddet qofa hojjechuun fedhii uummataa guutuun hin danda'amu kan jedhan Obbo Admaasun hojjetoonni dhaabbilee mootummaa torbeetti sa'aa shanif yeroo idileetti dabalataan akka hojjetan ni taasifama jedhan.
Kunis fedhii hojjettoota qofa bu'ura kan godhate ta'u dubbatan.
Dhimmootni hawwaasummaa kunneen akka barnootaa fi fayyaas dhimmoota mootummaan naannichaa irratti xiyyeefatu ta'u dubbatan.
Daldala seeraan alaa fi kontirobaandii Oromiyaa keessaa ni dhabamsiisna kan jedhan Obbo Admaasuun, daldalli dhimma xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta'uu dubbatan.
Qonna wajjiin walqabatee qonna ammayyaa fi jallisii babal'isuf akka hojjetamu dubbatan.
Kana malees barichatti pirojeektota naannicha keessatti osoo hin xummuramiin jiran guutumaan guututti akka xummuraman ni taasifama jedhan.
Piroojeektotni kunneen qulqullina isaanii kan eeggatan akka ta'an irratti ni xiyyeefatama jechuunis himan.
"Barri 2012 bara hojiiwwaan gurguddoo eegalaman itti xummuramanidha" kan jedhan Obbo Admaasun jijjiirama qabsoo uummataan dhufe, gaaffiwwan hawaas-diinagdee fi siyaasaa akkasumas rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf akka hojjetamu himan.
Waraaqsa diinagdee saffisiisuu fi carraa hojii uumuunis dhimma xiyyeeffannoo isa biraa ta'uu himan.
Kenniinsi tajaajila mootummaa harkifataa fi fedhii uummataa waliin kan hin tarkaanfanne waan ta'eef isa furuuf ni hojjetama jedhan.
Mariin guyyoota shan darbaniif Adaamaatti mari'atame hooggansi hubannoo waliigalaa akka qabaatu fi miira ni dandeenya jedhu uumusaa Obbo Admaasun himaniiru.