Ibidda Amaazoon: Braaaziil maallaqa $ mil. 22 G7 argoome didde

Madda suuraa, AFP
Ibidda Bosona roobaa Amaazoon dhaamsuuf arjooma maallaqaa $ mil. 22 gareen biyyoota badhaadhan G7 arjoome mootummaan Braaziil hin fudhadhuu jedhe.
Yaa'ii G7 pirezidantiin Fraans Imaanu'eel Maakroon biyya isaaniitti qopheessanii Wiixata xumurame kanarratti kan biyyoonni maallaqa kana arjoomuuf waliigalan.
Aangawoonni Braaziil arjooma kana diduu isaaniif sababa kamuu kan hin keenye ta'uus, Pirezidantiin biyyattii Jeer Bolsonaaroo Fraans Braaziiliin akka kolonii isheetti ilaaluu feetii jedhaniiru.
Ministeerri Ittisaa biyyattiis ibiddi Amaazoon to'annoon ala hin taanee jedhan.
Ministirichi, Fernaandoo Azeevedoo E Silvaa akka jedhanitti ibidda kana dhaamsuuf yakka Amaazoon irratti raawwatu ittisuuf loltootni 44,000 ta'an bobbaafamaniiru.
Hoogganaan waajjira Pirezidantii Braaziil Oneeks Looreenzoonii akka madda oduu Giloboo jedhamuuf himanitti ''Galatoomaa, garuu maallaqni kun Awrooppaa deebisanii bosonoomsuuf osoo itti fayyadamtanii irra wayya'' jedhaniiru.
Itti dabaluunis ''Maakroon ibidda bataskaana hambaa addunyaa ta'e keessatti ni dhalata jedhamee eegamuyyu hambisuu dadhabee, biyya keenyaaf barnoota kennuu barbaada'' jechuun Bataskaana Nooter-Daam dubbiin tuqaniiru.
Braaziil kunuunsa bosona uumamaa irratti ''biyya kamiifuu'' barnoota kennuu dandeessi jedhan.
Quuqamtootni naannoo Bolsonaaroon haasaawwan isaanii farra kunuunsa naannoo fakkaataniin bosona ciruun akka hammaatu godhaniiru jechuun qeequ.














