Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaampaaniin oomisha qorichaa Ameerikaa guddichi adabame
Kaampaaniin qorichoota dhukkubbii wayyeessan oomishu Joonsan & Joonsan jedhamu rakkoo araadaa qoricha opiyood jedhamu Okilahoomaatti hammaateef sababa jedhamuun manni murtii US Doolaara walakkaa Biliyoonaa ol tahu $572m ada(£469m) kaampaanichi akka adabamu murteesse.
Murtichaan booda kaampaanichi ol-iyyannoo akka fudhatu ibseera.
Himanni kun himata kumaatamaan kaampaanota qoricha Opiyood oomishanii fi rabsan irratti dhiyaate keessaa kan yeroo jalqabaaf ilaalamedha.
Jalqaba bara kanaatti manni murtii Okilahoomaa kaampaanii qoricha OksiiKootiin oomishu Purdee Faarmaa jedhamu $270m'n, kaampaanii Teevaa jedhamu ammoo $85m'n adabee kaampaanii Joonsan & Joonsan jedhamu ammoo akka of irraa ittisuuf eeyyameef ture.
Kaampaniin Joonsan jedhamus kan himatame namootni qoricha dhukkubbii wayyeessu{ pain Killer] akka fayyadamaniif beeksisa jajjabeessuufi dhugummaa hin qabne hojjechiisaa turte jedhamuun.
Kunis nageenya uummataa kan jeeqedha jedheera.
Araadni Opiyood jiraattota Okilahoomaaf rakkoo hamaadha jedhame. Kaffaltiin kaampanichi akka kaffaluuf itti murtaa'es namoota sababa araada qoricha kanaan miidhaman itti yaaluuf oola jedhan ogeessi seeraa naannichaa.
Akka ragaan gidduugala Ittisa fi to'annoo dhibee US agarsiisutti qoricha dhukkubbii wayyeessu Opiyood hammaan ol [overdose] fudhachuun namoota bara 1999 hanga 2000tti lubbuu dhaban 400,000 tahaniif qoodni araada qoricha Opiyood ol-aanaa akka tahe himame.
Kaampaanichi garuu gabaa Ameerikaa keessaa qoodni ani qabu 1% gadi waan taheef murtoon darbes sirrii miti jechuun mormaa jira.