Ibidda Amaazoon: Biraazil ibidda dhaamsuuf humna waranaa bobbaaste

Pirezidaantiin Biraazil ibidda bosona guddicha addunyaa Amaazoon mancaasaa jiru dhaamsuudhaaf humna loltootaa lakkoofsaan guddaadha jedhame ajajan.

Ajaji Pirezidaant Jaa'iir Bolsonaaroo dabarsan kun loltoonni kunuunsa naannoo, lafa bajjiifinaannoo daangaairratti hojjetan akka bobba'aniifidha.

Tarkaanfiin isaan kana beeksisaniifis erga dhiibbaan cimaan gaggeessitoota Awurooppaarraa dhufeedha.

Bolsonaaroon akkaataa biyyoonni biroo deebii itti kennan qeequn "ibiddi bosonaa akka haal-dureetti" fudhachuun qoqqobbii geessisuu hin danda'u jedhan.

Dubbiin ibidda bosoon somba addunyaan ittiin argatu jedhamu kana qabate siyaasa addunyaa waan ta'e fakkaata.

Keessumaa erga Firaansiifi Ayerlaand hanga Biraazil ibidda Amaazoon dhaamsuudhaaf caalmaatti hin hojjennetti waliigaltee daldalaa guddaadha jedhamu biyyoota Ameerikaa Kibbaa waliin mallatteeffamuudhaaf jiru hin mirkaneesinu jedhanii dubbiin cime.

Ibiddi bosona sanatti qabate hedduun isaa beekaa kan qabsiifamedha jedhamee yaadama, kunis qonnaan bultoonni lafa qonnaa baballifachuudhaaf jedhanii kan godhanidha jedhamee shakkamas.

Bolsonaaroon bosona Amaazoon ciruudhaan akka lafti qonnaa baballatu gochuudhaaf gargaarsa gaafataa turan jechuudhaan kanumaan durayyu qeeqamaa turan.

Kun ammoo akka bosonni manca'uuf warra hojjetaniif faara agarsiisuu akka ta'e dubbatu namoonni.

Pirezidaant Bolsonaaroo ammallee carraan qoqqobbiin addunyaa isaan eeggatu jiraachuu mala. Ministirri Maallaqaa Fiinlaand ammoo amummarraa Gamtaan Awurooppaa foon Biraazilirraa galchu akka dhaabsisuu qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Jimaata darbe ibsa TV biyya isaaniirratti kennaniin Bolsonaaroon akka jedhanitti, ibiddi bosonaa "guutummaa addunyaa keessa jira.

Kanaaf, qoqqobbii sadarkaa idil-addunyaatti kaa'uuf akka haal-duree tokkootti fudhatamuu hin qabu".

Gareewwan dhimma naannootiif quuqamaniifi namoonni ibiddi kun isaan yaaddesse biroon Jimaata darbe magaalota guutummaa biyya Biraazil kana keessa jiran hiriira bahuudhaan mormii dhageessisaa oolaniiru.

Akkasumallee, biyyoota gara garaa keessatti Imbaasii Biraazil bira deemuudhaan ibidda bosona kanatti qabate dhaamsuudhaaf tarkaanfiin qabatamaan akka fudhatamuuf gaafataa oolaniiru.

Bosonni akka addunyaatti guddina isaatiin tokkoffaa ta'e, Amaazoon, kuusaa karbonii guddicha saffisa ittiin addunyaan kun ho'aa deemtullee akka suuta ta'u taasisaa jirudha.

Amaazoon, "somba addunyaati" jedhama. Akaakuuwwan sanyii biqiltootaafi bineensotaa miliyoona sadii ta'an, akkasumas namoota naannoo sana qofaatti beekaman miliyoona tokko ta'an keessa jiraatu jedhama.

Pirezidaanti Bolsonaaroo guutummaa addunyaarraa hedduu qeeqamaa jira. Chaansilarri Jarman Angellaa mekel, Pirezedaantii Firaans Imaanu'eel Maakrooniifi Ministeera Muummee UK Booris Jaanson ibidda kana balaa guddaa addunyaadha jedhaniiru.

Barreessaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez ammoo fuula tiwiitera isaaniirratti Kamisa kan barreessaniin akka dhaamanitti: "Yeroo rakkoo jijjiirama qilleensaa keessa jirru kanatti, miidhaa guddaa qabeenya guddaa madda oksijiiniifi lubbu qabeeyyii hddu ta'e kana dhabuu hin dandeenyu."