Naayijeeriyaa: Dargaggeessa ofiin of ugguruun abbaasaa maallaqa gaafate

Dargaggeessi Naayijeeriyaa tokko sobaan hiriyyoota isaa waliin waliigaluun akka waan isa ugguraniitti fakkeessuun abbaa isaarraa maallaqa gaafate.

Maallaqni hiriyyoonni gurbaa sobaan of uggursiise kun gaafatan maallaqa Naayijeeriyaa, Naayiraatiin 500,000 (Birrii Itoophiyaa 40,000) yommuu ta'u, qophii yeroo mana barumsaa cufan ittiin bashannaniif ture kan barbaadan.

Poolisiin Naayijeeriyaa magaalaa Joos akkamitti akka gurbaan ganna 15 diraamaa akkasii qopheessuun gadi dhiifamuu ofiitiif maallaqa hanga kanaa abbaa isaa itti gaafachuu danda'e qorachaa jira.

"Sirriitti ogummaa guddaadhaan kan hojjetamedha," jechuun BBC'tti hime dubbi himaan poolisii Terna Tyopev.

Gurbaan kuniifi hiriyyoonni isaa umuriin isa caalan afur yeroo ammaa to'annaa poolisii jala jiru.

Diraamaa ugguramuu kana guyyaa sadii dura, abbaan mucaa kun maatiif jecha maallaqa isa barbaachisuuf konkolaataa gurguratee ture.

Gurbaan umuriin isaa ganna 15 ta'e kunis, maallaqa konkolaataa abbaan isaa gurguratee kana mana keessa barbaadee erga dhabee boodadha, mala kana kan karoorse.

"Maallaqni konkolaataa gurguramee kun karaa lakkoofsa herregaa waan kaffalameef, mana keessatti hin argamne ture," jedhe Mr. Tyopev.

Kanarraa ka'uun hiriyyoonni gurbaa warra isa ugguran fakkaachuudhaan abbaa isaatti bilbilan.

"Ilmi isaa kun magaalaa Joos irraa bakka fagootti akka geeffameeru himuun, qaamolee nageenyaatti akka hin himne akeekkachiisan.

Abbaan gurbaa garuu dubbichi erga yaaddessaa ta'ee gabaasuu hin dhiifne," jedha dubbi himaan poolisii kun.

Yaaliin uggura sobaa kun hordoffii poolisiin bilbila ittiin bilbilamee maallaqni gaafatame hordofuun taasifameen magaalicha keessatti mana tokko keessatti bira ga'ee fashalsiisuu danda'aniiru.

Yeroo poolisiin mana isaan keessa itti seenutti, gurbaan sobaan of uggursiiseefi hiriyyoonni isaa mana sana keessa taa'anii waliin haasa'aa turan.

"Abbaan gurbaa yeroo kana arganitti hedduu gaddan. Ilmi isaa kun sagantaa bashannanaa jedhame sanaaf dura maallaqa hin gaafatne," jedha Mr Tyopev.

Karoorri diraamaa kanaa yaada ilma namicha maallaqni gaafatamee ta'us, tooftaa bilchaataa akkasii hiriyyoota isaatiin akkasitti raawwatamuun isaa qondaalonni poolisii akka hakkan taasiseera.

Hiriyoonni gurbaa umuriin kan isa caalan yommuu ta'u, ganna 18 hanga 22 gidduu keessadha.

Poolisiin ijoolleen kun kanaan dura maallaqa argachuudhaaf nama ugguraniiru yoo ta'e jechuun qorachaa jira jedhe Mr Tyopev.

Maallaqa argachuudhaaf nama ugguruun Naayijeeriyaa keessatti akka malee baayyata.

Gareen saamtotaa guutummaa biyyaatti maallaqa argachuuf sooressaafi hiyyeessa ugguruun baramaa ta'eera.

Yeroo baayyee maallaqa hanga dolaara 150,000 kan gaafatan yommuu ta'u, yeroo tokko tokko ammoo maatiin warra ugguramee kana kaffaluu yoo baatanillee namoota ugguran ni ajjeesu.

Akka Dursaan Poolisii Mohaammad Adaamuu jedhutti, bara kana keessa qofaa Amajjii hanga Eblaatti guutummaa biyyattii keessatti namoonni 685 ugguramaniiru.