Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masrii: Dhukkubsataan Eedsii humnaan hospitaalaa hari'atame
Masiriitti dhukkubsataan Eedisii humnaan lafarra harkifamee hospitaalaa akka bahu taasifamuun hawaasicha keessatti dheekkamsa kaaseera.
Qondaaltoonni biyyattii ammoo haala nama osoo dhukkuba Eedisitiif wallaanamaa jiru humnaan akka hospitaalaa bahu taasifamee kanaa ni qoranna jedhaniiru.
Taatee biyyattii kaaba bulchiinsa Ghaarbiyaatti umamee kunis, erga suuraafi warraabbii vidiiyootiin miidiyaa hawaasaarratti gadhiifameen booda komii olaanaa kaaseera.
Suurichiifi vidiiyoon midiyaalee hawaasaarra naannwanis, osoo namtichi umnaan hospitaala Kafr el-Zayat jedhamu, kan magaalaa gudditti biyyattii Kaariyoo irraa fageenya kiloo meetira 100 irratti argamutti lafarra harkiifamuu kan mullisu ture.
Minisiteerri Fayyaa biyyatti hojjattoonni hospitaala kanaa itti gaafatamuu qabaatu jechuun akeekachiiseera.
Isaanis adeemsa sirrii hin hordofnees jedheera.
Dhukkuba HIV fi Eedsiin qabamuun biyya Masirii keessatti baayyee qoollifachuu guddaa qaqabsiisa.