Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ekeeraan' 41,000 mindaan kanfalamaafii ture galmeerraa haqaman
Moozaambik namoota erga du'anii akka lubbuun jiraniitti miindaan kaffalamuuf 41,000 galmee irraa haqxe
Biyyoota tokko tokko keessatti hojjettota mootummaa lubbuun hin jirreef miindaan kaffalama.
Kunis akkuma yeroo isaan lubbuun jiraniifi hojii irra jiraniitti ilaalameeti.
Haa tahu malee odeffannoowwan garaagaraa biyyota tokko tokko irraa dhagahamaa turan miindaan kaffalamu maatii nama du'eef osoo hin taane hojii irra jiru jedhanii maqaa nama sanaan namoota miindaa sana fudhataniifi.
Kun Moozaambik keessatti tibbana bira gahameera. Bara 2015 hanga 2019tti qorannoo taasifameen hojjettotni 41,000 tahan miindaan kaffalamaafii ture eessa jiru yommuu jedhamu namni qaamaan dhiyaatu dhibe.
Jarri du'aniiru. Waggota afur gidduuttis miindaan Doolara miliyoona 50 kaffalameeraaf.
Egaa kanatu ekeraaf miindaa kaffalaa turre jedhan. Kanaafuu ammaan qabee dhaabbachuu qaba jedhamuun hojjettota ekeraa 41,000 deebisnee galmee kaffaltii miindaa irraa haqneerra jechuun ibsite, ministirri ministirri Siivil Sarvisii biyyichaa Karmeeliitaa Namashuulaa kan ibsite.
Egaa kanaafidha hojjettota ekereraa jechuun kan waaman kannen deebisnee ajjeesneerra kan jedhaniif.
Sakatta'insa hojjetoota mootummaa lubbuun jira adda baasuuf gaggeeffameen hojjettota mootummaa hojii irra jiran 336,000 fi kannen lubbuun hin jirre 41,000 adda baasuun danda'ameera.
Miindaan hojjettota lubbuun jirreef kaffalamaa ture kana booda tajaajila hawwaasaaf, manneetii barnootaa fi hospitaalota deeggaruuf akka oolus Karmeeliitaa Namashuulaa himteetti.