Ogeessi filmii Richaard Geeree fi MM Xaaliyaanii godaantotarratti wal dhaban

Ogeessi fiilmii Hooliiwuud Richaardi Geeree mootummaan Xaaliyaan godaantota bidiruu tola ooltota Ispeen irratti danqamanii jiran akka gargaaruuf waamicha taasise.

Godaantotni 160 tahan galaana medetiraaniyaanii keessatti erga danqamanii torban tokko darbeera.

Mootummaan Xaaliyaan uummata akka malee gadi buusee ilaaluu dhaabuu qaba jedhe ogeessi fiilmi kun.

Ogeessichi godaantota kanneen bakka danqamanii jiranii baasuuf bidiruu gaafa jimaataa ergus mootummaan Xaaliyaan akka gara biyya keessatti hin galle dhorkeera.

Itti aanaan MM Xaaliyaan Maatiyuu Salviinii, xiyyaara keen gara Hooliwuuditti fudhachuu dandeessa jedhan.

Geereen odola Xaaliyaanii Lampedusa jedhamtu irratti doonii waraana galaana irraa daawwatee ibsa miidiyaaleef kenneen godaantotni kunnen Xaaliyaan akka galaniif eeyyamamuufi qaba jedhan.

Ilaalcha Doonaald Tiraampii fi Maatiyuu Salviiniis wal bira qabuun dubbatan.

Maatiyuu Salviiniin yeroo ministera dhimma biyya keessaa tahuun hojjetaa turan godaantotni akka biyya isaanii hin galle hojjechaa turan jedhe.

Tiraampis godaantota ilaalchisee dubbii isaan dubbatan haalaan qeeqamaa turuu ibse.

Ogeessi fiilmii kun godaantota Honduras, El Saalvaadoor, meksiikootii dhufantu nu rakkise jechuun dubbii isaan dubbatan dhala namaa akka malee gadi buusanii ilaaluu waan taheef biyyoota lameen jechuun Ameerikaa fi Xaaliyaan keessatti dhaabbachuu qaba jedhan.

Gochaan akkasii pilaaneetii kana irraa dhaabbachuu qaba jedhee, yoo nuyi haa dhaabbatu jennee dubbanne qofa dhaabbachuu danda'as jedhe.

Maatiyuu Salviinii deebii kennuuf yeroo isatti hin fudhanne.

Sooressi kun godaantotaaf harka bal'isuu isaaf ni galateeffanna jedhanii garuu immoo xiyyaaruma dhuunfaa isaan fudhachuun gara Hooliwuud geessuu danda'a jedhan. Deeggarsa mana dhuunfaa keessatti isaaniif taasiftuufis si galateeffanna jedhan.

Dooniiwwan tola ooltotaa godaantota gara biyya keenyaa galchan irrattis qoqobbii buusna jechuun dubbii isaanii cufaniiru.

Galaana Meditiraaniyaanii irraan godaantotni kumaatamni wagga waggaan Xaaliyaan galu.