TIKVAH Itoophiyaa: Sochii dargaggootaa, farra haasaa jibbinsaa

TIKVAH: Sochii dargaggoota farra jibbaa

Madda suuraa, TIKVAH ETH

Ibsa waa'ee suuraa, TIKVAH: Sochii dargaggoota farra jibbaa

Barattoonni yunivarsitiiwwan keessatti barataa jiran irra caalaa ragaa kan argatan miidiyaa hawaasummaa irraa ta'u duubbatti Aqilesiyaa Sisaay.

Yunivarsitiitti barattuu damee barnootaa 'Electrical Engineering' kan turte Aqilesiiyaan, ragaan argannu dhugaa ta'usaa adda baasuun rakkisaa ture jetti.

Jaarraa namni hundi fuula mataasaa banuun ragaalee adda addaa itti tamsaasu kanattis, barattoonni yunivarsitiittis ijasaanii TV, gurrasaanis raadiyoof kennuuf yeroo hinqaban jetti.

Hunduu mobaayila isaarrtii fajajee odeeffaanno gara sanaan argatu hordofa.

Bara jalqaba isheen yunivarsiitii itti saanteetti feesbukiin barattootaaf madda odeessaalee isa mummee ture. Booda keessa Telegiraamni dhufee baballate.

Egaan yeroo sanatti ture hiriyyoonni Aqileesiiyaa waa'ee Telegraamii waliin dubbachuu kan eegalan. Isheenis waa'ee TIKVAH dhagahuun kan itti makamte.

Tsaggaa'aab Waldee dhalatee kan guddate kibba Yirgaalamitti. Hawaasaatti midiyaalee adda addaa keessa sadarkaa adda addaatiin hojjachu dubbata.

Amma ammo hundeessaa TIKVAH dha jedha.TIKVAH Itoophiyaa wayita ammaatti maatii kuma 320 ol kan qabu yoo ta'u, gama miidiyaa hawaasaa telegram jedhamuun odeeffanno dabarsa.

Fuulli kunis namoonni hordofan hundi miseensa maatii jedhamuun kan waamaman yoo ta'u, yeroo jalqaba eegalaniitti namoota 20-30 qofaan ta'u dubbata Tsagaa'ab.

Namoonni kunneenis kan bilbila isaa keessatti galmeesse malee hundu kan telegram fayyadaman hin turre jedha. Booda garu waluma jalaan guddacha hordoftoonni fuula kanaa sadarkaa amma irratti argamu qaqqabuu dubbata.

Ofii hordoftoota fuula kanaa maaltu tokko taasisa? Hunduu odeeffannoo waan barbaadaniifi? Jechuun gaaffii dhiyeessineef ''Lakkii odeeffannoo barbaacha qofa osoo hintaane, dhimma namummaan haa dursu jedhutu tokko nu taasisa,'' jechuun deebii nuuf kennite Aqilesiiyaan.

Ka'umsi TIKVAH maal ture?Tsaggaa'aab osuma Hawaasa FM 109 irraa hojjataa jiruu odeeffannoo sirriitti walitti qabachu eegale. Haa ta'u malee yeroo hunda qaawwa tokkotti itti mul'atu jiraachuu hima. Tsaggaa'aab mataansaa dargaggeessa.

Hiriyyoonni isaa hedduunis kan argaman mana barnootaa keessatti. Sababii siyaasaa biyyatti keessa tureen wal qabatee yunivarsitoota baayyee keessattis walitti bu'insiifi jeequmsi yeroo baayyee ni dhagahama ture.

Ragaalee kanneenis kan argatan ammoo karaa miidiyaale hawaasaatiin ta'u hima. Odeeffannoowwan kunneenis kan jechoota jibbaatiin guutaman ykn waa'ee sabaa irratti kan xiyyeeffatanii barraa'an ta'u hubate.

Keessattuu fuula feesbuukii irratti yaadawwan jecha jibbaatiin gutaman fi oduuwwan sobaan argaa turre jedha Tsaga'aabi.

Kanas ammo barattoonni yunivarsitii ni argatu.Kanaaf ammo Aqilesiyaan mataanshee ragaadha. Osoo heebbifamtee hin bahiin dura ragaaleen isheen feesbuurratti dubbisaa turte tasgabboofte akka hinbarannee kan yaaddoo keessa galchu ta'u dubbatti.

Akkasumas kan baratoota walitti buusan, kan qooduu, amantaa kan balleessuu ta'usaani ni dubbatti.Kanaafu ragaafi odeeffannoowwan soobaa fi dhugaa adda baasuuf malli gaariin telegram ta'u yaaduun Tsaga'aab garee fuula TIKVAH Itoophiyaa kana bara 2009 hundeesse.

Dargaggoota TIKVAH ETH

Madda suuraa, TIKVAH ETH

Hiikaan maqichaas abdii jechuudha jedha Tsagaa'ab. Innis abdii fuullichi barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti argamaniif odeeffanno dhugaa qaqqabsiisuufi akkasumas hojiiwwan tola ooltummaa adda addaa irratti dargaggoota kakaasuun hirmaachisuus kaayyoo qabaachuu hima Tsaggaa'aab.

Kana malees jetti Aqilesiiyaan immoo, odeeffannoo fi ragaalee sobaa irratti barii taasisuun irraa baratamuu akka danda'amuuf duula adda addaa akka taasisuu himti.

TIKVAH odeeffannoowwan miidiyaalee adda addaa irraa argatu dabarsuun alattis, ragaalee hordoftoonni isaa bakkeewwan garaa garaa irraa erganiifis ni dabarsa.

Ragaalee ergamansi amanamummaa akka qabaataniis maqaa namaa ergee waliin akka maxxanfaman hima.

Akkasuma ragaalee midiyaale adda addaarra wayita fudhatus, madda isaa eeruun amanamummaa fula isaanii eeguuf yaalii akka taasisu himu.

Qaama kamiifuu loogii taasisuun akka hinhojjannee kan dubbatu Tsagaa'ab, ragaalee qoodaniifi hojii hojjatanii of eeggannoo barbaachisaa akka taasisan hima.

Midiyaalee hawaasaa keessa maafi Telegram filatame? Itoophiyaatti qorannoon gaggeefamu jiraachu baatulleen fayyadamtoota miidiyaa hawaasaatiif feesbukiin kan jalqabaa fakkaata.

Kan feesbuukii hin fayyadamne tarii Tiwiitara irraa hin dhabamu. Tsagga'aab garuu kan filate Telegraamii dha. Maaliif laata?Innis feesi buukiin hordoftoota hedduu qabaachu hinhaalle.

Garuu yaadni fees buukiirratti qoodaman irra jireessi kan wal kabajni irratti calaqisuu fi kan miira qaamolee hunda xiyyeeffanaa keessa galche miti jedha. Mirgi yaada kennuu namootaa kan eegame osuma ta'ee jiruu, waltajjii haasaan jibbaa bal'inaan irratti keessummeefamudha jedha.

''Fuula feesbuukii irratti fuula kamu hinqabnu'' kan jedhu Tsaggaa'aab osoo fuula keenya feesbuukii irra taasifne ta'e, dubbiftoonni ragaalee waan nuti maxxansinurratti ilaaluun kan dhufu baayyee ta'a tures jedha.