'Tokkummaan keenya dhiiga irratti kan hundaa’e dha': Obbo Shimallis Abdiisa

Waltajjiin marii walitti dhufeenya uummattoota naannolee Oromiyaa fi Somaalee magaala Jigjigaatti eegalameen hooggantootni naannolee lamaanii ergaa dhaamaniiru.

Preezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafaa Umar uummattootni lamaan seenaa bara dheeraa kan qooddatan, yeroo qabsoos kan wal deeggaraa turan ta'uu dubbatan.

"Gara naannoo keessanii malee gara naannoo biraa akka hin dhufne beekuu qabdu" kan jedhan Obbo Musxafaan walitti bu'iinsi kaayyoo siyaasaa qabu fi namoota hedduu miidhuu himan.

Amma gara nagaatti deebi'uun keenyas kan boonsu fi gammachiisu dha jedhan Obbo Musxafaan.

Naannoleen lamaan daangaa kilomeetira 1,400 akka walin qooddatan fi walitti bu'iinsawwan naannoo daangaattu ka'us karaa jaarsolii fi mootummaatiin hiikuu qabna jedhan.

Qabsoon waliinii kan kanaan dura waggoota hedduuf kan ture qofa osoo hin taane gara fulduraattis uummattootni lamaan walin hojjechuun walin kan guddatan ta'uu isaanii amanuu qabna jedhan.

Yoo kun ta'e naannoleen lamaan Itoophiyaa bira darbee gaanfa Afriikaaf akka gumaachan kan himan pireezidaantiin naannoo Somaalee, namootni naannoolee lamaan irraa buqqa'an deebi'anii akka dhaabbatanif naannoleen lamaan waliin hojjechaa jiraachuu himan.

Tokkummaa fi jaalalli har'a mul'ate akka itti fufus waadaa nan seena jedhan. Gama biraatiin tokkumaan uummattoota lamaanii asoosamaa kalaqa osoo hin taanee uummamni mataasaatin tokko taasisee kan uume ta'uu kan dubbatan immoo pireezidaantii itti aanaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimalis Abdiisaa uummatni Oromoo yeroo rakkoo isaa Somaalee dawoo godhataa turuu himan.

Haadholii fi abbootin Somaalee qabsaa'ota akka Oromoo gargaaraa turan dhalootni ammaas waliin qabsaa'anii cunqursaa ofirraa buusaniiru jedhan.

Bilisummaa fi walqixxummaa argames waliin ta'uun fi mari'achuun waliin tursiisuu akka qaban himan.

Namoota dhuunfaa yoo ta'an malee uummatni Oromoo fi Somaalee walitti bu'ee hin beeku kan jedhan Obbo Shimallis uummattootni lamaan gara fulduraattis walitti hin bu'an jedhan.

Federaalizimiin amma jiru federaalizimii dhugaa akka ta'uf itti gaafatama waliinii qabna jechuunis himan.

"Kan boodas odeessituun uummattoota Somaalee fi Oromoo gidduu hin deemtu tokkummaan keenyas dhiiga irratti kan hundaa'edha" jedhan.

Ergaa jaarsolii biyyaa

Jaarsi biyyaa uummata Somaalee bakka bu'uun haasaa kan taasisan, uummatni Somaaleefi Oromoo hariiroo isaanii cimsuun biyya ijaaruu keessatti warra gahee gumaachani dha malee, wal dhabuun warra biyya diigan miti jedhan.

Hoggantoonni kaleessa madaa nu keessa kaa'anii darbanis, nuti garuu isa jijjiiruu qabna jedhan.

Kanaa booda uummata Oromoofi Somaalee daangaan adda qooduun hin jiraatu.

Uummaata Oromoo bakka bu'uun ergaa kan dabarsan Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa uummatni sanyii tokkoo akkanatti wal-argee rakkoo keenya mar'iachuun waan guddaa dha jedhan.

''Uuummattoonni lameen uummata guddaa gaanfa Afrikaati, daangaa murtaa'e hin qaban, daangaan isaanii kan Waaqni sarareefi dha.''

Sababa kanammoo faayidaa siyaasaaf jecha walitti buusaa turan.Kanaanimmoo ijoolleen Abbaa Gadaafi ijoolleen Somaalee hin gatantarree. Ifaajee guddaadhaan rakkoo nu mudate keessa dabarree walitti deebineerra.

Iddoo duriitti deebi'uu kan dandeenye immoo waan hundeen keenyi tokko taheefi.