Liibiyaan jiddugala turtii godaantotaa sadii cufuudhaafi

Liibiyaan jiddugalawwan gurguddaa turtii godaantotaa sadii cufuudhaaf karoorafachushee Ministirri haajaa biyya keessaa Feeyiz Bashagaan beeksise.

Giddugalli kunneenis Misiraataa, Taajuraa fi Kohaamsi ta'usaanii ibsameera.

Ministirichi jiddugalli kunneen akka cufaman kan ibsame, erga godaantotni bakkaTaajuraa jedhamutti akka deebii'an taasifamuun walqabate qeequmsi irra qaqabeef booda ture.

Kaampiin kunis baatii Hagayyaa keessa misaa'eeliin rukkutamee baqattoonni 20 ta'an ajjeefamunsaanii ni yaadatama.

Baqattoota ajjeefaman keessaa irra caalli lammiilee Afriikaa turan jedhameera.

Giiddugalli Taajuraa kun mootummaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirraa beekamti qabuu magaalaa guddiitti Tirippolii to'atu fi Loltoonni Humna Biyyaaleessa Libiyaa maqaalattii qabachuuf lolaa jiruutti dhihoo waan ta'eef cufame.

Dhaabbileen haala Liibiyaa keessa jirtu to'atani ammoo, jiddugalli kun cufamuusaa jiddugalawwan biraa keessatti baayyina namootaa garmalee akka ta'u taasisu, godaantoota hedduu harka namoota dadabarsaniitti hambisaa jechuun sodaasaanii ibsaniiru.

Torban darbe qafaatti godaantonni 150'n Libiyaarraa gara Xaaliyaanitti otoo qaxxamuruuf yaalaanii galaanaan nyaatamusaanii ni yaadatama.

Bara kana keessa galaanni Meditiraaniyaanii lafa balaan lubbuu nama hedduu itti galafaate isa olaanaa ta'uun ibsameera.