Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biqiltuuwwan mil. 300 ol dhaabaman akkamiin lakkaawaman?
Itoophiyaan duula MM Dr Abiy ''Ashaaraa Magarisaa' ittiin jedhaniin guyyaa tokkotti bilqiltuu miiliyoona dhibba lamaa ol dhaabuuf karoorsitee, dhibba sadii ol dhaabuun ''rikoordii haaraa'' galmeesseera jetti.
Adeemsa kana olaantummaan kan hordofaa ture Ministeera Innooveeshiniifi Teknoloojii yommuu ta'u, Manni hojii kun of jalatti garee tokko hundeessuun adeemsicha hordofaa ture.
Gareen kun lakkaawwii biqiltuu dhaabamaniifi galmee isaanii hordofa.
Qindeessaa garee kana kan ta'an obbo Imraan Abuubakar Sooftiweeriin lakkaawwii biqiltuu kanaaf dursee qophaa'ee akka ture nutti himaniiru.
Sooftiweeriin (moosaajiin) kun bilbila namoota bakka biqiltuun kun dhaabatutti ramadaman irratti qofa kan hojjetu yommuu ta'u, bakka biqiltuun itti dhaabatera lakkoofsa namoonni ramadaman kunniin galchan hunda walitti ida'uun waliigala isaa lafa kaaha.
Sooftiweerii kanaan dabalataan sirnoota hordoffii biroollee fayyadamuu nutti himaniiru.
Hoji gaggeessaa Waldaa Misooma Naannoo Lama Itophiyaa jedhamuu kan ta'an, obbo Moogas Warquu, akkaataa itti dhaabataniifi kunuunsa barbaachisurratti hubannoon osoo hin kennamiin lakoofsa qofa irratti xiyyeefachuun hojii hojjetamedha jechuun qeeqaniiru.
Duula kana keessatti hanqinni biroon argan bakki biqiltuun hin uwwifamne osoo jiru bakka biqltuun heddumatutti dhaabamuu isaaniiti jedhaniiru.
Gosa biqiltuuwwan dhabamanii fi iddoo isaaniif mijatu adda baasuun barbaachisaa ta'uu kan eeran ogeessi kun, biqiltuu hedduu dhaabuuf sochii godhame dinqisiifataniiru.