Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Duula Biqiltuu Dhaabuu: 'Oromiyaan amma dura biqiltuu biliyoona 1 ol dhaabde'
Duula biqiltuu dhaabuu ministira mummee Abiy Ahimadiin eegalameen naannoo Oromiyaa keessatti hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona tokkoo ol dhaabbamu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa hime.
Hojiin biqiltuu dhaabuu kun humnaa fi qabeenya birrii biiliyoona shanitti tilmaamamuun hojjetamaa jira jedhan hogganaan biirichaa Obbo Dhaabaa Dabalee.
Bara kana naannichi biqiltuuwwaan biliyoona lama dhaabuuf hojjechaa jira kan jedhan aanga'aan kun biqiltuuwwan miiliyoona 900 hafanis yeroo dhiyootti ni dhaabamu jedhan.
Duula dhaabbii biqiltuu Adoolessa 22 taasifamu irrattis uummatni miiliyoona 4.5 qophii sanyii fi boolla biqiltuurraa eegalee hirmaachaa jira jedhameera.
Sagantaan biqiltuu dhaabuu gaafa Adoolessa 22 kuni akka biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuun riikardii addunyaa cabsuuf kan kaayyeffate ta'u Waajjirri MM himeera.
Guyyaa kana biqiltoota miiliyoona 126 akka dhaabnuf mootummaa federaalaan qoodni nuf kennamee kan jedhan Obbo Dhaabaa Dabalee, naannoo Oromiyaa qofa keessatti biqiloota miiliyoona 200 hanga 300 dhaabuf hojjechaa jirra jedhan. Uummatni naannichaa meeshaalee dhaabbii biqiltuuf barbaachisan dabalatee soorata guyyichaaf barbaachisu qopheeffachuun duulicha irratti akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyichatti angawootni mootummaa ka'umsa isaanii magaala Finfinnee godhatanis iddoowwan magaalattii irraa fageenya hanga kiloomeetira 200 imaluun biqiltuu ni dhaabu jedhan.
Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa fi Godinni addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee godinaalee iddoowwan dhaabbii biqiltuu 53 itti qophaa'e keessaati.
Guyyichatti namni tokko biqiltuuwwan 60 hanga 65 akka dhaabu eeggamas jedhan.
Biqiltuuwwan bara kana dhaabbaman kunuunsi fi hordoffiin itti fufiinsa qabu akka taasifamuuf Obbo Dhaabaan ibsa har'a [Kamisa] kennaniin himaniiru.
"Biqiltuu abbaa fi kaayyoo hin qabne hin dhaabnu" jedhan Obbo Dhaabaan.