Waraanni Faransaay barreessitootni akka egeree raaganiif gaafate

Loltoonni Faransaay garee barreessitoota asoosamaa ,sodaa fi hudhaa gara fuulduraatti isaan mudachuuf malu raaguu danda'u hundeessuuf akka jedhu beeksise.

Gabaasi dhaabbata 'Defence Innovation Agency (DIA)' jedhamuu akka mul'isutti, gareen barreessitootaa 'red team' jedhamu kun fuulduratti fageessee kan yaadu, danqaa fi carraa loltoota Faransaay eeggatu garuu kan warra tarsimoo waraanaa baasanitti hin mul'anne humna waraanaa biyyattiif gumaachuu danda'a.

Gabaasi kun dabaluun gareen kun shira loltoota irratti aggaamamu dursanii qolachuuf akka tumsus ibseera.

Kunis tattaaffii mootummaan biyyattii humna waraanaa isaa cimsachuuf taasisaa jiru keessaa mala isa tokkoodha jedhameera.

Guyyaa raayyaa Ittisa biyyaa Dilbata darbe magaalaa Paaris keessatti kabajamerratti loltuun gameessi tokko mootoraan olka'ee qilleensa addaan saaqee samii gidduu dhaabbatee nyaapha akka mixiitti lafarra yaa'u gadi ilaaluun wayita agarsiisu qalbii namoota hedduu hawwateera.

Erga agarsiisa kanaa arganii booda tuwiitarii isaaniirratti kan barreessan Pirezidaantiin Firaansi Imaanu'eel Maakroon ''Loltoota keenyaan baay'een boona. Ammayyummaa fi kalaqa haaraa isaan qabatanii dhiyaataa jiran hedduu nama boonsa'' jedhan.