Haleellaa Kismaayyoo: Haleellaa hidhattoonni hoteela Somaaliyaarraan ga'een 26 ajjeefaman

Haleellaa gareen al-shabaab hoteela Somaaliyaarratti geggeessaniiru jedhameen yoo xiqqaate namoonni 26 ajjeefaman.

Haleellaan kun kan raawwate Kaaba Somaaliyaa hoteela Kismaayyoo irratti yoo ta'u gaazexeessituu beekamtuun biyyattii Hodan Nalayeh namoota ajjeefaman keessaa tokko.

Jalqaba nama tokkotu boombii hotelicharratti dhoosee ofis galaafate.

Aanga'oonnii fi namoonni baraaraman akka jedhanitti namni boombii dhoose kun jalqaba humnaan konkolaataa gara hoteela Asaasey kan buufata Kismaayyootti argamu keessatti oofe.

Boodarra hidhattoonni dhukaasa eegalan. Nayaaleh fi abbaan warraashee battaluma ajjeefaman jedhan.

Haleellaa raawwateef gareen al-shabaab itti gaafatamummaa fudhachuusaa ibseera.

Wayita haleellaan raawwatu aanga'oonni mootummaa naannolee fi dureewwan gosoota biyyattii keessa jiranii filannoo dhufurratti mari'achaa turan.

Sagantaa TV 'Integration TV' jedhamu kan hundeessitee fi sagantichas kan dhiyeessitu Nayaleh fi gaasexeessixeessaan kan biraanis ajjeefamuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

Gaazexeessituun kuni yeroo umuriin ishii jaha turetti maatii ishee waliin gara Kanaadaa kan imalte yoo ta'u, achittis hawaasa Soomale biratti fudhatama guddaa horatte. Biyyatti kan deebite dhihoo ture.