Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa daandii qaxxaamuraa irratti: Ajjeechaan tibbanaa rifoormii gufachiisaa?
Waggaa dura, abdii guddaatu Itoophiyaa keessa ture. Innis MM Abiy Ahimad aangoo qabatani rifoormiiwwan ajaa'ibaa taasisuun dirree siyaasaa biyyattii rakkoo godhatee ture furaniiru.
Ji'oota muraasa booda garuu, waldhabdeeniifi walitti bu'iinsi saba irratti xityyeeffate jijjiirama mul'ataa jiru duubatti deebisuuf sodaachisaa jira.
Maaltu bade jennaani?
Dhiibbaa guddate
Mormiin ummataa bara 2015 naannoo gudditti biyyattii, Oromiyaa keessatti eegale. Oromoonni waggoota hedduuf mootummoota darbaa dhufaa Itoophiyaan gama siyaasaafi diinagdeen hacuucamu himatu.
Sadaasa bara 2017, mormiin kuni naannoolee biyyattii kaanitti tamsa'e. Itoophiyaan jeequmsa hamaa keessa seente. Dhibdee kanaaf labsiin yeroo atattamaa si'a lama labsamus to'achuu hin dandeenye.
Ergasii Guraandhala bara 2018'tti, mormiin jeequmsa makate waggoota 4'f erga taasifamee booda MM Itoophiyaa yeroosi, Obbo Haayilamaariyaam Dassaalany osoo hin eegamin aangoo irraa ka'u ibsan.
Biyyattiin addaan facaatee oolte.
Haa ta'u malee, dhaabni biyyattii bulchu, Addi Dimookiraatawaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa [ADWUI], walgahii arifachiisaa taa'uun Ebla 02, 2019 Abiy Ahimad hogganaa biyyattii gochuun file.
Rifoormii
Abiy, nama waraanaa UK fi US'tti baratan yoo ta'an, aangootti yeroo dhufanu yaada 'Maddamar' jedhamu ummatatti beeksisan. Yaadni kuni hiika waliin jiraanna ykn waliin tottolla yaada jedhu qaba.
Guyyoota muraasa keessatti hoggantoota dhaaba siyaasaa dabalatee hidhamtoota kuma hedduu hiikan. Gareewwan hidhatanii lolaniifi seeraan dhorkaman mara biyyatti affeeran.
Dhaabbileen miidiyaa duratti biyyattii keessa dhorkamani turan akka biyyatti deebi'an gochuun websaayitoonni cufamanis akka banaman ta'e.
Waxabajjii 09, 2018 waliigaltee araaraa biyya Ertiraa waliin mallatteessan. Waldhabdeen daangaa Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 20'f kan ture yoo ta'u, gama lamaaniinuu lubbuu hedduu galaafate.
Waggoota 20 keessatti yeroo duraaf ummatoonni lamaan wal keessa deemu eegalani. Daldallis eegale, maatiin waldhabdeen walirraa fagaatan akka walitti dhufanis ta'e.
Itoophiyaan rifoormii guddaa lammiilee gammachiise keessa dabarte. Inumaa namoonni tokko tokko Abiyyiitin akka Waaqa biraa ergamanii dhufanitti ilaalani.
Yaalii ajjeechaa
Haa ta'u malee, rakkooleen yeroosuma eegalan.
MM Abiy irratti boombiin darbatame. Hiriira deeggarsa deeggartoonni isaanii qopheessan irratti bakka ergaa dabarsaa turan irraa meetira xiqqoo fagaatee dhuka'e.
Ji'oota muraasa booda, Onkololeessa 2018, miseensonni waraanaa hedduu ta'an kaffaltii dabalataa gaafachuuf gara masaraa mootummaatti imalani.
Abiy miseensota waraanaa push - aappii akka hojjetan dirquun wanta mudate to'atan. Garuu, miseensonni waraanaa akkanumaan hin deemne. MM Abiy waliin 'selfii' waliin ka'aniiru.
Guyyoota muraasa booda garuu, Abiy loltoonni isaan ajjeesuuf akka dhufan dubbatan. Wayii akka dhufu mallattoo kan kenne ture.
Wal qooddaa
Riiformiin isaan Itoophiyaa keessa taasisan dhaaba qindoomina dhaabbilee afran ta'eefi biyyatti bulchaa jiru keessa muraasa hin gammachiifne.
Mormiin guddaa Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraay irraa dhufe. Dhaabi naannicha bulchu - Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay {ABUT} - waggoota hedduuf dhaaba waraana, tikaafi diinagdee Itoophiyaa akka dhuunfate ilaalama.
Tigraay Ertiraa kan daangessitu yoo ta'u, hoggantoonni siyaasaafi jiraatonni waligaltee Ertiraa waliin taasifame mormaniiru. MM Abiy lafa isaanii dabarsani akka kennannitti ilaalame.
Namoonni siyaasaa naannichaa, baay'ina ummata Itoophiyaa keessa 6%, isa qondaaltonni waraanaafi basaasaa sarbama mirga namoomaafi malaammaltummaan himatamaniin aaran.
Rakkoon guddichi garuu, waggaa tokko keessatti namoonni miiliyoona 3'tti siqan Itoophiyaa keessatti buqqa'u isaaniiti.
Hedduun isaanii waldhibdee sabaani.
Balaa miidiyaa hawaasummaa
Erga mirgi dubbachuu kabajame as hoggantoota siyaasaa dabalatee miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun jeequmsa babbal'isun mul'ataa ture.
Kunimmoo federaalizimii saba irratti xiyyeeffate garuu bu'uura hin godhanne keessatti rakkoo fide.
Haaloo walirra bahun, meeshaaleen waraanaa kuma hedduu ta'anis poolisiidhaan qabamani turan. Kunis, mallattoo gareewwan adda addaafi milishoonni hidhataa jiraachuu agarsiisa.
Ajjechaan tibbanaa bulchaa naannoo Amaaraa, hogganaa waraanaafi qondaaltota sadii kaan irratti raawwate yaaddoo guddaa fideera. Tiwooriiwwan shira [Conspiracy Theories] adda addaa bakka hedduu dhagahama turan.
Mootummaan hamma tokkos ta'u odeeffannoo rakkoo hammeessu to'achuuf intarneetii cufe.
Waldhibdeen sabaafi buqqa'iinsi biyyattii keessa mudate lakkoofsi ummataa barana irraa waggaa dhufutti akka dabarfamu dirqeera.
Egaa kuni yeroo sadaffaafi rakkoo nageenyaan walqabate lakkoofsi ummataa guyyaa kaanif kan darbe.
Filannoon achi darbaa?
MM Abiy erga gara aangootti dhufani as silaa filannoon baatii Caamsaa waggaa dhufu taasifama.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti akkaataan MM Abiy haala namoota rakkoo uumuun himataman furan fuuldura biyyattii akeeka.
Isa kanaan duraa namoota guuranii hidhaa buusuutti deebi'a sodaan jedhu jira.
Haa ta'u malee, riiformiin kuni yoo gufate Itoophiyaa irra darbe biyyoota ollaa irratti dhiibbaa ni qabaata.
Waligalteen Ertiraa akkam ta'a? Yoo Itoophiyaan ofiif rakkoo seente, gaheen marii nageenyaa biyyattiin Sudaaniifi Sudaan Kibbaa keessa taasisaa jirtu akkam ta'a?
Kallattiin Itoophiyaan itti deemtu biyyoota garaa garaa keessatti lammiilee miiliyoona hedduu irratti dhiibbaa ni qaba.