Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dooniin gaazii boba'aa baattu qarqara Oomaanitti hin aleelle jechuun waakkaachuun fudhama hin qabu jedhan
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dooniwwan lama boba'a geejjiban qarqara Oomaanitti aleeluurraa Iraan qooda hin qabu jechuun waakkachuun fudhatama hinqabu jedhan.
Tiraamp suuraa loltoonni Iraan bidiruu xiqqoon doonicha bira qaqqabuun dhuka'aa otoo hin dho'iin irraatti hafe irraa fuudhan agarsiisu akka ragaatti eeran.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniii Antooniyoo Guutereez dhugaan ifatti adda bahuu qaba jedhan.
Raashiyaan garuu guduunfaa ragaa quubsaa hin qabnee jechuun qeeqxe.
Ji'a darbes dooniwwan afur gaazii boba'aa fe'an qarqara Gamtaa Emireetota Arabaa(UAE)tti aleelamuun manca'uutu yaadatama.
Yeroo sanattis aleellaa qaqqabsisuun Ameerikaan Iraan himattus,ragaa hin dhiyeessine. Iraan garuu,aleelllaa sana hin raawwannee jette haalte.
Waldhabbiin Ameerikaa fi Iraan giddu ture akkuma Pirezidaant Tiraamp gara aangootti bara 2017 dhufanii jeeqamaa adeeme.
Mr. Tiraamp waliigaltee sagantaa gabbisa niwukilara biyyaattin akka dhaabduu bulchiinsi Obaamaa walgaltee uume diiguun qoqqobbii biyyatti irratti jabeessan.
Pirezidaantiin Iraan Hasan Rohaanin kaleessa Ameerikaan tasgabbii baha giddugaleessaaf yaaddoo uumaa jirtii jechuun aleellaa qarqara Oomaanitti raawwatame akka ragaatti dhiyeessu.
Bulchiinsii Tiraaamp waliigaltee gabbisa niwukilara biyyatti waliin mallatteffame addatti Ameerikaa keessaa baasuu hordofuun, gartuun biyyoota waliigalticha mallatteessan kanneen hafan akka akka waligaltichatti cichan waamicha dhiyeessan.
Ministirri dantaa alaa biyyatti Mohaammad Jaavad Zaarif toora tiwitaraatiin'' ragaa otoo sirrii hin dhiyeessiin hariiroo dippiloomaasi ittuma balleessuuf nu himatuu ''jechuun barreessan.