Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hiriirri guddaa wixinee seeraa yakkamaa dabarsanii kennuu jedhu irratti Hong Kong gaggeeffame
Hoggantuun Hong Kong Kariya Laam wixinee seeraa yakkamaa dabarsanii kennuu haaraa bahe mormiin mudatus hojiirra ni oola jedhan.
Seerichi barbaachisaadha jettee qeeqa falmitoota mirga namoomaafis mirkaneessuuf yaalteetti.
Kaleessa namootni kuma dhibbaatti tilmaamaman Hong Kong keessatti wixinee seeraa bahe jedhame mormuuf hiriira bahaniiru.
Sababa guddaadha kan jedhame ammoo Chaayinaan seera haaraa kana fayyadamuun namoota sababa siyaasaa fi amantaan baqatanii Hong Kongis tahe Taayiwaan galan ittiin qabachuuf itti gargaaramti sodaa jedhuuni.
Kanaan dura namootni yakkaanis tahe dhimma siyaasaan baqatan dabarfamanii akka kennamaniif seerri ajaju hin jiru ture.
Kanaafuu Chaayinaan hoggantoota paartilee mormitootaa irratti xiyyeeffatee seericha baaste kan jedhu dubbii ijoo hiriira bahameeti.
Miidiyaaleen Chaayinaan ammoo Caayinaa miidhuuf jecha hookkaraa fi hiriirichi akka gaggeeffamuuf humnoota alaatu dhiibbaa godhe jechuun gabaasaa jiru.
Ms Lam akka jettetti seerichi haala Hong Kong keessa jiru irratti xiyyeeffachuun kan qophaa'e miti. Akkasumas dhimmota seerichaan hojiitti hiikaman akkaatudhuma seerota mirga namoomaa eeguuf qophaa'aniin qaama seera baasuuf ni gabaasna jette.
Dabalataan seerichi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kami iyyuu daangaa keenya keessatti nu hin dhorkus jette.
Mootummaanis seericha dursee irra deebiin akka ilaalu ibseera. Qeeqxotni garuu Chaayinaan haala naannoo Hong Kong keessa galuun namoota barbaadde gara gidduu galeessaatti fudhachuun adabuuf jecha seericha baaste jechuun qeequ.
Akka qindeessitootni jedhanitti yoo tahe lakkoofsi namoota hiriira bahanii miliyoona tokkoo ol yoo tahu poolisiin ammoo hanga 240,000 taha jechuun gabaase.
Yoo kan warra hiriiricha qindeessannii dhugaa taheef kun erga Biriiten Hong Kongiin Chaayinaatti bara 1997 dabarsitee kennitee isa guddaa tahuu isaati.
Ms Laam jiraattota Hong Kongiin balaaleffatamaa jirti. Kunis seerichi dafee akka hojii irra oolu barbaaduu ishee fi yaada Beejingi deeggarti jedhamuunidha.
Dabalataan dubartii yaada uummata ishee hin dhaggeeffanne jedhamuun qeeqamaa jirti. Gama biraan ammoo kun hojii siaasaa ishee irratti dhiibbaa hin qabaatu jechuun barreessu.
Ka'umsa qophii seera haaraa ammaatti kan jedhame ammoo dargaggoo Hong Kong ganna 19 jaalallee isaa ganna 20 taatee fi ulfa turte waliin Taayiwaan bashannana deemee achiiti ishee ajjeesuun miliqee Hong Kong galuun jiraachaa jirudha jedhama.
Hong Kong dabarsitee waan kennuu diddeef seericha qopheessuun barbaachise jedhama. Akkaataa wixinichaattis namni yakka ajjeechaa fi gudeeddiin himatamee akka dabarfamee kennamuuf ajajni Chaayinaa guddittii, Taayiwaanii fi Makwauu irraa dhufe akka kennaman kan eeyyamudha.
Hong Kong erga Chaayinaa jala galtee gariin of danda'uun akka biyyaatti of bulchaa jirti. Lammiileen ishees faallaa lammilee Chaayinaa kaanii mirga guutuu fi yaada isaanii bilisummaan ibsachuu qabu jedhama.
Hong Kong yakkamaa dabarsitee kennuuf biyyota 20 kan akka Ameerikaa fi Uk waliin waliigaltee mallatteessieetti. Chaayinaa waliin waggoota 20 oliif irratti mari'achaa turanis haala siyaasaa lamaan isaanii gidduu jiru irraa kan ka'a walii galuu hin dandeenye.
Ammas dhimma Hong Kong irratti murtoo xumuraa dabarsuuf mirga guutuu kan qabu mana murtii naannichaatti kan jetti. Kun garuu ol aantummaan seeraa gidduu isaaniitti akka laaffatu ta'era jedhu qeeqxotni.