Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Motummaan Naayijeriyaa buufata TV dhuunfaa cufe
Motummaan Naayijeriyaa buufata TV dhunfaa kan jalqabaa ta'e Televizhinii Walabaa Afriikaa (AIT) fi buufata Raadiyoo qaamuma isaa ta'e 'Ray Power' cufe.
To'ataa Tamsaasaa biyyatti kan ta'e Komiishiniin Tamsaasa Biyyaalessaa ammo naamusa oogummaa cabsee jechuun hayyamawwan dhaabbata dhuunfaa kanaa haqeera.
Dhaabbanni Raadiyoo fi TV kun abbaan qabeenyumaa isaan kan nama siyaasaa paartii mormituu ta'anii Raaymond Dokpesi yoo ta'u, waggoota digdamaa oliif hojjachaa turaniiru.
Sabaa himaan kun gabaasa isaatiin cimsee motummaa biyyatti akka qeequ himama.
Amma Saatalaayitiin tamsaasa Radiyoo fi TV dhaabbatichaa lamaanuu qilleensarraa ugguramaniiru.
Roggeeyyii biyya keessaa fi mormiitoonni cufamu dhaabbile kanneenii balaaleeffachuun, 'abbaa hirummaa' fi 'bilisummaa midiyaa cabsuudhaa' jedhaniiru.
Garuu to'atichi tamsaasa biyyattii dhaabbatichi tamsaasa walitti bu'insa kakaasan, gargari qoodiinsaa jajjabeessanii fi qabiyyee jeequmsa qabatan akka hintamsaasneef waggoota lamaaf akkekachiisa yeroo heddu kennameef diduu isaatti cufame jedheera.
Kana malees kanfaltii hayyamsaa saas yeroon kanfalu dide jedha.
Dhaabbatichi garuu himannaawwan kanneen haaluun akka hin hojjaneef dhiibbaa akka irratti taasifamaa ture hima.