Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezedaanti Isaayyaas Afa-warqii: 'Haaromsaaf ariitiin hin barbaachisu'
Pirezedaantiin Eertiraa Isaayyaas Afa-warqii jijjiiramoota gurguddoo biyya isaanii keessatti fiduudhaaf "hariitii hin barbaachisu" jedhan.
Haasawaa kabaja Guyyaa Walabummaa waggaa 28ffaa Asmaratti taasisaniin ture kan kan jedhan.
Diinummaan Itoophiyaa waliin biyyi isaanii yeroo dheeraaf keessa turte gara nagaatti jijjiiramuu waliin walqabatee, Ertiraanonni Pirezedaant Isaayyaas kabaja Guyyaa Walabaa kanarratti waan haaraa tokko dubbata jedhanii cimsanii eegaa turan.
"Bara nagaa keessatti hawwiifi gammachuun gufuuwwan jiran dagachiisuu hin qabu," jedhan Pirezedaant Isaayyaas.
Ertiraafi Itoophiyaan waliigaltee nagaa buusuu Adoolessa 2018 mallatteessuun waraana lamaan isaanii gidduu ture akka xumura argatu taasisaniiru.
Lola Itoophiyaa waliin jiru dhaabuu waliin walqabatee sirni dimokiraatawaa ta'e Ertiraa keessatti uumamuu mala jechuun hawwiin guddaan jiraatullee, pirezedaantichi ammallee haaromsa siyaasaa fudhachuu hin barbaanne.
Pirezedaant Isaayyaas biyyattii heera mootummaa malee bulchaa kan turan yommuu ta'u kora uummata biyaalessaa dhorkaniiru.
Gareewwan mirga namaaf quuqaman mootummaa Pirezedaant Isaayyaas namoota kumaatamaan lakkaa'aman ilaalcha siyaasaa isaaniitiif, gaazexeessitootaafi miseensota amantaa gara garaa ajaja mana murtii tokko malee hidhuun qeequ.
Biyyoota lamaan gidduutti nagaa buusuun walqabatee tajaajilli balali'insa xiyyaaraafi daangaaleen walqunnamsiisan banamanii turan. Haata'u malee, osoo seeraan hin beeksisiin ulaawwan biyyoota lamaan walitti fidan hunduu Ertiraatiin deebiyanii cufamaniiru.
Balali'insi xiyyaaraa ammoo itti fufee tajaajila kennaa jira.