Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waashingitan bulchiinsa US jaqabaa reeffa namaa kompostii gochuu eeyyamte taate
Waashingitan bulchiinsa Yunaayitid Isteetis keessaa reeffa namaa xaa'oo gochuun kan jalqabaa taate.
Seera haaraan, ummanni achi jiru reeffi isaanii gara biyyootti akka jijjiiramu filachuu danda'u.
Inni kun magaalaalee yeroo ammaa lafti owwaalchaaf ta'u dhibetti akka filmaata tokkotti dhihaateera. Kana dura reeffa owwaaluu ykn gubuutu ture.
Erga kompostii ta'ee booda biyyoon reeffa sanaa maatiin namni jalaa du'eef ni kennama. Isaaniis abaaboo, ashaakiltii ykn muka irratti dhaabuuf fayyadamu.
Wiixineen seeraa kuni gaafa Kibxataa bulchaa Jey Inisliitin mallattaa'eera.
Seerri kuni akka bahu kan duulaa turte Kaatirinaa Ispeed dhaabbata jalqabaa tajaajila kana kennu hundeessiteetti.
''Reeffa kompostii godhuun reeffa ol kaa'uu, owwaaluu ykn gubuun alatti carraa biraa kenna. Kunis, kan uumamaa yoo ta'u itti fayyadama lafaafi kaarbonii qilleensatti bahu ni xiqqeessa,'' jechuun AFP'tti kan himan.
Akkamin hojjeta?
Aadde Ispeed reeffa kompostii gochuuf jalqaba reeffi konteenara roga jaha qabuufi biqiltuu gosa margaa, haftee muka soofameefi galabaa keessa taa'a jedhan.
Konteenarri suni achiiti hin cufama. Reeffi sunis guyyoota 30 keessatti biyyoo ta'a. Boodarra biyyoo baarellaa tokko ta'utu keessaa baha jedhan.
Owwaalchi qilleensa naannoo waliin mijataa ta'e yeroo ammaa baay'ataa jira.
Jalqaba ji'a kana keessa taatoon Luuk Peeri jedhamu uffata waakko irraa tolfame keessatti Kaaliforniyaatti owwaalameera.
Nami uffata sana hojete Jaye Rim Lii akka jedhetti yeroo reeffi suni biyyoo ta'u qilleensa summaawaa gadhiisu ni xiqqeessa.
Reeffa namaa kompostii gochuun Siwidiin keessatti seeraan kan eeyyamamedha.
UK keessatti immoo reeffi sanduuqa malee ykn sanduuqa biyyoon nyaatamu danda'u keessatti owwaaluun deeggarsa seeraa qaba.