Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saawudiin Sudaaniif maallaqa guddaa kennite
Saa'udi Arabiyaan haaluma deeggarsa rakkina dinagdeefi siyaasaa Suudaan keessatti argamtuutiin doolaara miiliyoon 250 baankii jiddu gala biyyattii keessatti galchu beeksifte.
Kennaan maallaqa amma Saawudiin baankii biyyattiitti galchite dabalatee, tarii rakkina dinagdee biyyattii ammaan tana keesatti argamtu hir'isuuf ni gargaara. Garuu guttummaatti hambisuu hin danda'u ta'a.
Hanqina maallaqaa biyyattiin keessatti argamtuun walqabate, namoonni baay'een maallaqa baafachuuf balbala baankiitti hiriiranii mul'atu.
Maallaqni lammilee baafachu danda'aniis dolaara 40 akka hincaallee kan daangeeffame yoo ta'u, kanumaa baafachuuf yeroo heddu hiriiruu barbaachisa.
Sudaan erga bara 2011 yeroo Sudaan Kibbaa qabeenya boba'aa waliin foxxooqxee kaasee rakkina dinagdee maudateenii jira.
Garuu, haalichi kan itti cime imaammata dinagdee bulchiinsa pirezidaant Omaar al- Bashiir aangoorra turuuf waan isa dandeessisa jedhan hundatti baasii taasisaa tureen jedhama.
Bajannii biyyatti olaanaan tika nageenyaafi milishaa isa eeganiif kan ramadame ture.
Pirezidaaantichis bakka argatu hundaa kan liqeeffate yoo ta'u Chaayinaa waliin walitti dhufeenya gaarii ummate ture. Kaatariifi akkasumas Dohaa dorgomtoota Saawud Arabiiyaa irraas maallaqa argataa ture.
Obbo Bashir jijjirraa maallaqa argateefis loltoota kumaatama ta'an garee saawudi Arabiyaa hoggantuun gara Yamaniitti ergee ture.
Mormiin Mudde Sudaan biyyattii guutuutti gaggeefamees gatii nyaataa fi boba'aa irratti garmalee akka dabalamu taasiseera. Dhumaratti Obbo Baashir aangoorraa buufamaniiru.
Haa ta'u malee, amma illeen biyyattiin loltootuma pirezidaantii duraatiin ogganamaa turanitu biyyattii bulcha jira. Isaanis Saawudi Arabiyaan deegaramaa jiru.
Mormitoonni garuu rakkina biyyattii gutuummaatti hiikuuf qaamoolee hoggansa irra jiran gutummaatti geedaramu qaba jedhu.