Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanniifi qoqqoobbiin erga irraa dhaabbatee Eertiraan maalirra jirti?
Sababoota akka waraanaa, bulchiinsa abbaa hirree fi qoqqobbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin diinagdeen Eertiraa waggoota hedduuf daddaaqama keessa ture.
Haa ta'u malee garuu dhiyeenya kana sochiin biyyattii taasisaa jirtu dinagdeenshee akka dandamatuuf carraa baneeraaf.
Waggootaaf kan wal waraanaa fi wal qoollifachaa turte Itoophiyaa waliin araara buustee hariiroo cimsuu akkasumallee Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii qoqqobbii irraa kaasuun biyyattiin gara diinagdeeshee yaadachuuttii akka deebituuf sababa ta'aniiru.
Kanaan booda biyyattiin kan namoonni baayyinaan keessaa baqatan osoo hin taane kan meeshaalee gara biyyoota addunyaa garaagaraatti ergitu taati jedhameetu abdatama.
Biyyattiin bulchiinsa paartii tokkoo qofa ta'uunii fi bulchiinsi abbaa hirrummaa ammallee akkuma duriitti jiraachuun ammoo ammas qormaata biraadha.
Eertiraan biyyoota Afriikaa hiyyummaa hamaa keessa jiran keessaati, diinagdeenshee qonnarratti kan hundaa'edha.
Lammiileen Eertiraa miiliyoona 1.5 ta'an biyyoota ambaa jiraatu, hedduunsaanii hoji dhabdummaa fi yaaddoo humna waraanaa keessatti hirmaachuutu biyyaa isaan baasa.
Kun lakkoofsa uummataa Eertiraa keessatti yoo ilaalamu namoota shan keessa tokko jechuudha.
Erga fooyya'iinsi Eertiraa keessatti uumamee as lammiileen biyyattii hedduun gara biyyasaanii deebi'uu eegalan, kan galuuf fedhii qabanis hedduudha.
Namoonni hojii biizinesii keessatti hirmaatan buufanni Masawaa hundaaf banaa ta'uu isaatiin gammadaniiru.
Itoophiyaan alergii isheetiif buufata Jabuutii fayyadamti, sababni ammoo erga waraana Itoophiyaa fi Eertiraa bara 1998 fi 2000 tii buufata masaawaatti fayyadamuu waan hin dandeenyeef.
Bu'aan waraana Itoophiyaa fi Eertiraa biyyoonni lameen waggoota 18 oliif wal gaarreffachaa akka jiraatan taasiseera.
Adoolessa bara 2018 garuu seenaan kun jijjiirame, Pirezidaantiin Eertiraa Isaayas Afawarqii fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad araara buusuuf walii galtee mallatteessan, daangaan akka banamuufis wal ta'an.
Kana jechuun biyyoonni lameen wal keessa deemuun walitti daldaluu danda'aniiru jechuudha.
Gama kaaniin Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii qoqqobbii waggoota sagaliif Eertiraa irra kaa'ee ture irraa kaaseera.
Dubbiin Eertiraa qabde ammallee irraa fagaachaa hin jirtu, daangaan banameera jedhame cufameera oduun jedhu irra deddeebiin dhagahamaa jira.
Daandiin daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa walquunnamsiisu kan cufame yeroodhumaaf jedhama garuu.
Faazexeessaan Associated Press kan dhimma biyyoota lameenii itti dhiyeenyaan gabaasaa ture Eliyaas Masarat ''Hanga dhimmoota taaksii, gumuruukaa fi Visa sirreessanitti tarkaanfii fudhatameedha malee guutummaatti hin cufamne'' jedha.
Waa'een daangaan cufamuu kun wayita Itoophiyaan konkolaattota imaltoota fe'an gara Eertiraa akka imalan ramaduuf jettuttidha.
Gaazexeessaa kan dhibiin Eliyaas Gabrasillaasee ''karaa beekamtii hin qabneenis ta'u namoonni ammallee gara Eertiraatti ce'aa jiru'' jedha.
Bara 1993 walabummaashee kan gonfatte Eertiraan hoji uumtummaa fi hariiroo daldalaa biyyoota waliin qabduun beekamti.
Kun dhiibbaa biyyoota alaarraa ka'uuu mala- teessoo biyyoota Arabaa, Tarkii fi Yamaniiti jechuun ni danda'ama. Itaalii fi Biriiteenis hin dagataman.
Bara 1890-1941tti harka Itaalii, bara 1941-1950tti ammoo harka Biriiteen jala turte. Booda qaama Itoophiyaa taate.